Tamsaasa Kallatti:

Jiraattonni magaalaa Finfinnee nageenya magaalattiif abbummaan  dhaabachuunsaanii nagaa fi tasgabbiin magaalatti caalaatti akka cimu taasiseera

Hagayya 25/2018 (ENA)- Jiraattonni magaalaa Finfinnee nageenya magaalattiif abbummaan  dhaabachuunsaanii fi itti fayyadama teeknooloojii cimsuudhaan nagaa fi tasgabbiin magaalatti caalaatti akka cimu taasisuusaa hoggantuun biirii bulchiinsa nageenyaa fi tasgabbii Liidiyaa Girmaa ibsan.


Karoorri wagga shanan dhufanii fi bara bajataa 2019 bulchiinsa magaalaa Finfinnee gaggeessitiita bulchiinsa magaalichaa sadarkaan jiraniin irratti mari’atamee har’a ni xumurama.


Karoora wagga shaniin qonna magaalaa, ijaarsa manneenii, kenniinsa tajaajila mootummaa, teeknooloojiin akkasumas hojiilee namarratti xiyyeeffatan birootiin hojiileen badhaadhina walii galaa magaalattii mirkaneessan hojjechuun waliigalteerra gahameera.


Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee dhaabbileen karoora tarsiimawaa wagga shan darbee sirriitti raawwachuun kutannoo agarsiisan waggoottan dhufanis cimsanii akka itti fufan karoora ifaa fi hojjechiisuu danda’;u baasanii akka hojjetan qajeelfama hojii kennaniiru.


Hoggantuun biiroo bulchiinsa nageenyaa fi tasgabbii magaalaa Finfinnee Liidiyaa Girmaa ENA’f akka ibsanitti, abbummaa nageenyaa jiraattotaa fi itti fayyadama teeknooloojii humnoota nageenyaa cimsuudhaan nageenyaa fi tasgabbii magaalattii caalaatti cimsuun danda’ameera.


Hojii nageenyaa ummata hirmaachise hojjechuudhaan hawaasa al-seerummaa hadheeffatu uumuudhaan magaalattiin fakkeenya nageenyaa akka taatu godhameera jedhaniiru.


Nageenyi fulla’aa fi amansiisaan Finfinnee keessa akka jiraatu gochuuf gurmaa’insi raayyaa nageenyaa magaalattii qooda hin tuffatamne bahachaa akka jiru ibsaniiru.


Humnoota yakka raawwatanii miliquuf yaalan salphaatti to’achuuf bulchiinsa Shaggar Siitii waliin qindoominaan hojjechuun bu’aan argamuu ibsaniiru.


Daldala seeraan alaa fi kontirobaandii, weerara lafaa fi ijaarsa seeraan alaa akkasumas yakkoota biroo to’achuudhaan magaalaa olaantummaan seeraa keessatti mirkanaa’e gochuuf mul’anni qabame cimee itti ni fufa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015