Tamsaasa Kallatti:

Haalli rooba baranaa Qonnaaf mijaawaa waan ta'eef kunuunsa misooma midhaaniif barbaachisu taasisaa jirra - Qonnaan Bultoota

Hagayya 25/2018 (ENA) – Godina Wallagga Lixaatti haalli qilleensaa fi raabsi rooba baranaa hojii qonnaatiif mijaawaa waan ta'eef, qonnaan bultoonni midhaan isaaniitiif kunuunsa barbaachisaa taasisaa akka jiran ibsan.

Godinni Wallagga Lixaa lafa gabbata, haala qilleensaa mijaawaa, filannoo bishaan sadarkaa olaanaa fi dandeettii qonnaa guddaa kan qaban keessaa isa tokkodha.

Godinichatti caalaatti midhaan akka Boqqolloo, Xaafii, Mishingaa fi Qamadii bal'inaan kan omishaman yoo ta'u, naannichis oomishtummaa bunaa olaanaadhaan beekama.

Qonnaan bultoonni Godinichaas haala mijaawaa kanatti fayyadamuudhaan hojii qonnaa isaanii dandeettii guutuudhaan hojiirra oolchaa jiru.


 

Qonnaan bultoonni ENAtti akka ibsanitti, haalli qilleensaa fi roobaa baranaa hojii misooma isaaniitiif haala mijaawaa waan uumeef, akkasumas dhiheessiin galtee gahaan waan jiruuf, midhaan facaasan kunuunsaa jiru.

Yaada kennitoota keessaa qonnaan bulaan aanaa Gimbii Fiqaaduu Qaasim, haalli roobaa baranaa hojii misooma midhaaniitiif haala mijaawaa uumuusaa dubbataniiru.

Kanaanis lafa hektaara tokko irratti boqqolloo fi ruuza misoomsuu kan ibsan qonnaan bulaan kun, haalli qilleenssaa midhaanichaaf kunuunsa barbaachisu gochuuf haala mijaawaa akka uumeef dubbataniiru.

Qonnaan bulaan aanaa kanaa Eebbaa Oljirraa gamasaaniitiin, lafa hektaara tokko fi walakkaa boqqolloo fi qamadiidhaan misoomsuu ibsaniiru.


Galteewwan qonnaa yeroosaaniitti waan dhihaataniif, lafa dursanii sanyiidhaan uwwisan, ammma rooba mijaawaa roobaa jiruun deeggaramanii kunuunsa barbaachisu gochaa akka jiran eeraniiru.

Waqtiin Gannaa baranaa hojii misooma midhaaniitiif mijaawaa waan ta'eef, hojii facaasaa sanyii yeroosaaniitti xumuranii kunuunsa cimsuun akka itti fufan isaan gargaaraa akka jiru kan ibsan immoo qonnaan bulaa aanaa Laaloo Asabii Farradaa Oliiqaa ti.

Kanaanis oomisha fooyya'aa argachuuf gorsa ogeessota qonnaa irraa argatan sirnaan hojiirra oolchuudhaan ciminaan akka hojjatan dubbataniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa godina Wallagga Lixaa Obbo Fayyisaa Hambisaa gamasaaniitiin, waqtii Gannaa baranaatiin Godinichatti lafti hektaarri kuma 486 fi 836 midhaan gosa adda addaan facaafamuusaa ibsaniiru.


Misoomni kun caalaatti tooftaa qonnaa kilaasteraan sanyiidhaan facaafamuu eeraanii, oomisha fi oomishtummaa olkaasuuf galteewwan qonnaa barbaachisan yeroosaaniitti qonnaan bulaaf dhihaachuusaa itti gaafatamaan kun kaasaniiru.

Waliigalatti Godinichatti sagantaa qonnaa Gannaa qabatameen oomisha kuntaala miiliyoona 16 ol walitti qabuuf karoorfamee hojjatamaa akka jiru ibsaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015