Innisheetiviin Dhangaa Guutuu Misooma Lukkuu amayyeessaa jira. - ENA Afaan Oromoo
Innisheetiviin Dhangaa Guutuu Misooma Lukkuu amayyeessaa jira.
Innisheetiviin Dhangaa Guutuu, yaada kabajamoo Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)’n eegale fedhii foon lukkuu fi killee guutuuf misooma lukkuu gara ammayyaa fi oomishtummaa olaanaatti ceesisaa jira.
Sanyiiwwan lukkuu fooyya’an babal’isuu, giddugala baasii fi hatchery ammayyeessuu, kunuunsa cuucii fi sirna fayyaa isaanii cimsuu, akkasumas abbootii qabeenyaa dhuunfaa hirmaachisuun xiyyeeffannoo ijoo dha.
Kana malees, horsiistota lukkuu horsiisa xixiqqaa irraa gara horsiisa gabaa irratti xiyyeeffatee fi oomishtummaa qabuutti ceesisuun wabii midhaanii, galii fi carraa hojii uumuu keessatti gahee olaanaa qaba jechuun ergaa dabrseera ministirri qonnaa.
Suuraa: Naannoo Beenishaangul Gumuz, Godina Asoosaa, Aanaa Uuraa keessatti, Giddugala Misooma Lukkuu fi Qophii Nyaata Lukkuu “Tsetsee” jedhamutti sochii horsiisa lukkuu yeroo ammaa.