Lammiin Lammiif jechuun qabatamaan agarsiisuun barbaachisaadha - ENA Afaan Oromoo
Lammiin Lammiif jechuun qabatamaan agarsiisuun barbaachisaadha
Hagayya 25/2018(ENA): Lammiin Lammiif jechuun qabatamaan agarsiisuun barbaachisaa ta’uu Biiroon Qonnaa Oromiyaa ibse.
Hojii Kenna Tajaajila Lammummaan Barattoota Harkaa qalleeyyiifi Maatii Harka Qalleeyyii 150 ta'aniif Deeggarsi akaakuu garaagaraa Qarshii 8,000,000 tilmaamamu taasifame.
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejereetti,hojii tajaajjila lammummaan harka qalleeyyiif deeggarsi gosa garaagaraa hirmaannaa Biiroo Qonnaa Oromiyaan taasifame.
Deeggarsi taasifame kunis bakka I/G Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu, Bulchaa Godina Shawaa Lixaa Obbo Didhaa Guddataa, Bulchaa Aanaa Ejeree Aadde Likkeellesh Bayiifi Koree qindeessituu Aanaa Ejeree argamanitti, taasifameera.
Lammiin wal-jaallachuun, waliif birmachuun deeggersi Tajaajila kenna lammummaan waliif taasisaa jiru hojii eebbifamaafi cimee itti fufu qabu ta'uu Obbo Geetuu Gammachuu Hoogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa himan.
Obbo Diidhaa Guddataa Bulchaa Godina Shawaa Lixaa saganticharratti argamuun Biiroon Qonnaa Oromiyaa hojii birmadummaa biyyaa mirkaneessuun dinagdee biyyaa utubuurratti adda durummaan hojjechaa jirurratti dabalataan hawaasa isaaniif maddii qooduuf Godina Sh/Lixaa Aanaa Ejereetti argamuu isaaniitiif galateeffataniiru.
Bulchaan Aanaa Ejeree Aadde Likkeellesh Bayii akka jedhanitti, hojiin tajaajila lammummaa bifa itti fufiinsa qabuun hojjetamaa jiraachuufi kunis kutaalee hawaasaa bal'aaf abdii ta'uu himuun, Hojichis cimee itti Fufee jiraachuu himaniiru.