Tamsaasa Kallatti:

Magaalaa Shaggaritti qulqullina barnootaa bara 2019 guddisuuf hojiileen dandeessisan hojetamaa jiru

Hagayya 25/2018 (ENA) : Qulqullina barnootaa bara 2019 guddisuuf qophiin Magaalaa Shaggar keessatti taasifamaa jiraachuu Waajjirri Barnootaa bulchiinsa magaalattii beeksise.

Bulchiinsi Magaalaa Shaggar erga hundeeffamee kaasee hanqina bu’uuraalee misoomaa fi qulqullina damee barnootaa keessatti mul’atu guutuuf karoora bal’aa irratti hojjachaa tureera.


 

Keessattuu manneen barnootaa fi daree barnootaa fooyyessuu, adeemsa baruu-barsiisuu teeknooloojii ammayyaatiin deeggaruun, haala barumsaa mijataa uumuu irratti hojiin bal’aan hojjetameera.

Waajjirri Barnootaa bulchiinsa kanaa bara barnootaa dhufuuf qophiin bal’aan taasifamaa akka jiru ENA’tti himeera.

Akka Itti Gaafatamaan Waajjira Barnoota Bulchiinsa Magaalichaa obbo Firakiyyaa Kaasahuun himanitti, rakkoolee kanaan dura mudatan furuuf pirojektoonni haaromsaa fi babal’ina adda addaa manneen barnootaa keessatti hojjetamaa jira jedhani.


 

Qulqullinaa fi walqixxummaa barnootaa mirkaneessuu fi gahumsa barnootaa fooyyessuuf hojiin bal’aan hojjetamuu isaa kan agarsiisan itti gaafatamaan kun, yeroo magaalaan Shaggar hundeeffame lakkoofsi manneen barnootaa 958 qofa akka ture yaadachiisaniiru.

Hojii hojjetameen lakkoofsi manneen barnootaa gara kuma 1 fi 430tti ol guddachuu ibsaniiru.

Akkasumas, yeroo Magaalaan Shaggar hundeeffamtu lakkoofsi barattootaa kuma 298 qofa akka ture eeruun, lakkoofsi barattootaa dachaa lama dabaluudhaan bara barnootaa kana keessatti barattoota kuma 484 ol galmeessuuf karoorfamee hojiin eegalamuu ibsaniiru.

Hojiin damee barnootaa keessatti hojjetamaa jirus lammiileef carraa barnootaa uumuu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Haaluma kanaan qulqullina barnootaa guddisuuf leenjiin ijaarsa dandeettii barsiisotaaf kennamee, manneen barnootaa paarkii dijiitaalaa fi mana kitaabaa dijitaalaa dhiyeessuudhaan teeknooloojiin ammayyeessuun hojjetamuusaa ibsaniiru.

Sagantaan galmee barattootaa magaalattii bara barnootaa keessatti dhibbeentaa 100 hojiirra akka oolus eeruun, leenjiin fooyya’iinsa qulqullinaa dhaabbilee tajaajila nyaataaf kennameera jedhani.

Haaluma kanaan bara barnootaa kana keessatti barattoonni 484,000 ol sagantaa galmee kanaan fayyadamoo ta’u jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015