Tamsaasa Kallatti:

Hojiin Qulqullina Barnootaa Fooyyeessuuf Naannichatti Hojjetamaa Jiru Bu’aa Gaarii Argamsiisaa Jira — Dr. Tolaa Bariisoo

Hagayya 25, 2018 (ENA) — Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa, Dr. Tolaa Bariisoo, bu’aa qormaata kutaa 6ffaa,8ffaa fi kutaa 12ffaa ilaalchisee ibsa miidiyaaf kennaniin, bu’aan qormaata barattootaa bara 2018 fooyya’aa ta’uu ibsan.

Oromiyaa keessatti bu’aan qormaata kutaa 6ffaa fi 8ffaa fooyya’aa ta’uu himaniiru.


Akka Dr. Tolaa Bariisoo ibsanitti, Naannoo Oromiyaa keessatti barattoota kuma 517 fi 209 qormaata kutaa 6ffaa fudhatan keessaa dhibbeentaan 89.9 gara kutaa itti aanuuf darbaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, barattoota kuma 415 fi 088 qormaata kutaa 8ffaa fudhatan keessaa dhibbeentaan 86.4 gara kutaa itti aanuuf darbuu isaanii ibsaniiru.

Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa, qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa turaniin bu’aawwan gurguddoon damee barnootaa irratti galmaa’uu himaniiru.


Akkasumas, qormaata kutaa 12ffaa ilaalchisee, akka biyyaatti qabxiin olaanaan kan galmaa’e Naannoo Oromiyaa irraa ta’uu ibsaniiru.

Barataan Jaalal Girmaa damee Saayinsii Uumamaatiin akka biyyaatti qabxii 591.6 fiduun sadarkaa 1ffaa qabachuu isaa yaadachiisaniiru.

Barattoota kuma 197 fi 034 qormaata kutaa 12ffaa fudhatan keessaa dhibbeentaan 10.53 qabxii walakkaa fi isaa ol galmeessuu isaanii Dr. Tolaan ibsaniiru.

Bu’aan kun hojiiwwan qulqullina barnootaa fooyyeessuuf naannichatti hojjetamaa jiran bu’aa gaarii argamsiisuu kan agarsiisu ta’uu himaniiru.


 

Mootummaan tarsiimoo qulqullina barnootaa mirkaneessuu danda’u hojiirra oolchaa jiruun jijjiiramni bu’uuraa argamaa jiraachuu himanii, keessumaa hojii Bu’uura Boruu irratti hojjetamaa jiruun jijjiiramni olaanaan galmaa’aa jiraachuu eeraniiru.

Bara barnootaa 2019ttis bu’aa caalmaa galmeessuuf barnoota qulina qabu kennuu irratti xiyyeeffannoon hojjechuuf qophiin barbaachisaan taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Haaluma kanaan, bara barnootaa 2019tti dhaabbileen barnootaa kuma 37 fi 121, barattoota miliyoona 13.5 ol simatanii barsiisuuf qophiin barbaachisaan xumuramaa jiraachuu eeraniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015