Tamsaasa Kallatti:

Kabineen Naannoo Hararii dhimmoota adda addaa irratti mari’achuun murtoo dabarsee jira

Hagayya 25/2018 (ENA): Manni Maree Bulchiinsa Naannoo Hararii (Kabiineen) dhimmoota adda addaa irratti mari’achuun murtoo dabarsee jira.

Manni Marii Bulchiinsichaa jalqaba irratti kan mari’ate wixinee caasaa gurmaa’insaa fi fedhii humna namaa Dhaabbata Tajaajila Mootummaa Diijiitaalaa giddugala tokkoo " Masoob’Hararii ‘ ilaalchisee dhiyaate irratti.

Wixineen kun tajaajiloota qaamolee mootummaa adda addaan kennaman bakka tokkotti walitti qabuu, gurmeessuu fi dijiitaaleessuudhaan;tajaajilamtoonni deddeebii malee fi baasii hin malleef osoo hin saaxilamin tajaajila dhaqqabamaa, saffisaa, baasii qusatuu fi bu’a qabeessa ta’e kennuun itti quufinsa isaanii dabaluuf kan kaayyeffate ta’uu ibsameera.

Manni Marii Bulchiinsichaas caasaa gurmaa’insaa kana irratti bal’inaan mari’achuun sagalee guutuun mirkaneesseera.

Itti fufuunis, Kabiineen wixinee fooyya’insa gurmaa’insa Bulchiinsa Magaalaa Harar Koree Kantiibaaf murtoof dhiyaate irratti mari’ateera.

Fooyya’insi gurmaa’insaa kunis magaalichi itti gaafatamummaa seeraan kennameef haala gaariin raawwachuu kan dandeessisu gurmaa’insa uumuudhaan, rakkoolee mul’atan furee hojiiwwan bu’aa qabeessa ta’an akka hojjetu raawwachuuf kan dandeessisu ta’uun ibsameera.

Kabineen fooyya’insa kana irratti gad-fageenyaan mari’achuun sagalee guutuun mirkaneesseera.

Manni Marii Bulchiinsichaa kana malees ajandaawwan biroo irratti marii taasiisuun murtoo dabarsuun isaas ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015