Tamsaasa Kallatti:

Hulaan Galaanaa Nageenyaafi guddina biyyaatiif murteessaa waan ta’eef furmaata waaraa argachuu qaba— Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoo

Hagayya 25/2018 (ENA) — Gaaffiin Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuu fi abbummaa hulaa galaanaa mirkaneeffachuu ishee ilaalchisee dhiheessitu, nageenyaafi guddina biyyaatiif murteessaa waan ta’eef, furmaata saffisaa fi waaraa argachuu qaba jechuun Ministirri Bishaanii duraanii, Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoo ibsan.

Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoo ENA waliin turtii taasisaniin akka ibsanitti, Itoophiyaan madda Abbayyaa ta’uu ishee sababeeffachuun, Gibtsiifi diinonni ishee seenaa keessatti turan, Itoophiyaa laaffisuuf daba isaan xaxaniin, Itoophiyaan Galaana Diimaa irraa akka fagaatu taasifameera.

Itoophiyaan hulaa galaanaa ishee erga dhabde, gochi haqaa hin qabne kun erga raawwatamee gara waggoota soddomaatti kan siqe ta’uu yaadachiisaniiru.

Gibxiin “baandota biyya keessaa” fayyadamuun Eertiraan akka Itoophiyaa irraa addaan baatu gochuu ishee, akkasumas gocha seenaa keessatti gantummaa jedhanii ibsan yaadachiisuun, Ambaasaaddar Shifarraan, kanaanis Itoophiyaan qabeenya uumamaa ishee kan ta’an buufata doonii Asabii fi Mitsiwwaa akka dhabdu taasifamuu ibsaniiru.

Gibtsiifi “baandonni biyya keessaa” Itoophiyaan buufatawwan doonii fi hulaa galaanaa addunyaa waliin wal qunnamsiisan akka dhabdu taasisaniiru jedhaniiru.

Mootummaan ummata irraa filatamee hin dhufne tokko, biyya addaan qoqqooduun, ragaa gahaa tokko malee Itoophiyaa biyya hulaa galaanaa hin qabne gochuuf aangoo kamiyyuu akka hin qabne yaadachiisaniiru.

Kana malees, gareen seeraan ala ABUT, hulaa galaanaa fi buufatawwan doonii Itoophiyaa dabarsanii kennuun, biyyaafi uummata ishee irratti miidhaa seenaa keessatti hin dagatamne raawwachuu isaa dubbatan.

Itoophiyaan abbummaa hulaa galaanaa ishee kan seenaa, seeraa, uumamaafi haala teessuma lafaa irraa maddu irraa fagaattee jiraachuu akka hin dandeenye ibsuun, guddinni saffisaa diinagdee yeroo ammaa galmaa’aa jiruufi baay’inni uummata ishees dhimma kana dirqama akka taasisu dubbataniiru.

Abbummaan hulaa galaanaa kunis karaa nagaa, qooda kennuu fi qooda fudhachuu, akkasumas seerota idil-addunyaa irratti hundaa’uun deebii argachuu qaba jechuun hubachiisaniiru.

Yeroo ammaa kanattis, mootummaan barbaachisummaa Itoophiyaan hulaa galaanaa qabaachuu akka qabdu kan uummata biyyattii keessatti yeroo dheeraaf ukkaamfamee ture, biyyoonni addunyaa akka hubatan taasisuun, hojii dipilomaasii milkaa’aa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Itoophiyaan Galaana Diimaa irraa fageenya gabaabaa irratti kan argamtu ta’uu ibsuun, gaaffiin kunis seenaa fi qaroomina biyya kanaa durii irraa eegalee hanga seerotaafi haala uumamaa biyyattii jiranitti, bu’uura sababa qabuudha jedhaniiru.

Miidhaan Itoophiyaa irratti abbummaa hulaa galaanaa ishee ilaalchisee raawwatame, dhimma sababa qabeessa qofa osoo hin taane, dhimma murteessaa jiraachuu fi nageenya biyyaatiif ta’eera jechuun ibsaniiru.

Itti fufuunis, Itoophiyaan laggeen daangaa ce’anii yaa’an isheetiin biyyoota ollaa ishee fayyadamaa taasisaa jirtu; kanaaf, abbummaa hulaa galaanaa ishees deebii argachuu akka qabu, gaaffii dhalootaa irraa dhalatee dhalootatti darbuudha jechuun kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015