Bulchiinsa Magaala Shaggar Kutaa Magaalaa adda adda addaatti sirni Shinooyyee fi Goobee gaggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Bulchiinsa Magaala Shaggar Kutaa Magaalaa adda adda addaatti sirni Shinooyyee fi Goobee gaggeeffamaa jira
Hagayya 25/2018 (ENA) : Bulchiinsa Magaala shagar kutaalee magaalaa adda adda addaatti sirni shinooyyee fi Goobee gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera.
Haaluma kanaan Bulchiinsa Magaala Shagar Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujeetti sirni Shinooyyee fi Goobee haala duudhaasaa eeggatteen gaggeeffameera.
Saganticharratti dargaggoonnii fi shamarran Kutaa Magaalichaa hirmaataniiru.
Shinooyyee fi Goobeen dukkaana Gannaa irraa gara ifa Birraatti ba'uu gammachuun ibsachuuf kan taphatamudha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas haaromsa Aadaa uummata Oromootiif xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjechaa kan jiru yoo tahu, taphni Goobeefi Shinooyyee dhaloota irraa dhalootatti akka darbu taasisuuf hojjetamaa jira.