Tamsaasa Kallatti:

Hojiileen misoomaa naannoo Harariitti hojjetamaa jiran turizimii magaalaa Harar guddisaa jiru

Hagayya 23/2018 (ENA) - Hojiileen misoomaa naannoo Harariitti hojjetamaa jiran turizimii magaalaa Harar guddisuudhaan faayidaa hedduu argamsiisaa akka jiran komishinariin komishinii Turizimii naannichaa Saamii Abdulwaasii ibsan.

Waggoottan darbanii asitti mootummaan qabeenya turizimii guutuu biyyattiitti argaman fuulleetti baasuudhaan, bakkeewwan turizimii haaraa hedduu misoomsuun kan turanis sona itti dabaluudhaan turizimii Itiyoophiyaa guddisaa jira.

Komishinariin komishinii turizimii naannichaa Saamii Abdulwaasii akka ibsanitti, qabeenya turizimii dilbii naannichaa misoomsuudhaan itti fayyadamuun jijjiiramni guddaan mul’achaa jira.

Keessumaa mootummaa ida’amuutiin turizimiin damee dinagdee hedduu ijoo keessaa tokko ta’ee fudhatamuusaa fi xiyyeeffannoon kennamuunsaa guddinni itti fufiinsa qabu akka galmaa’u gochuusaa ibsaniiru.

Waggoottan muraasa darban naannichatti bakkeewwan turizimii haaraa misoomsuun alatti hambaalee buleeyyii suphuu fi kunuunsuudhaan hojiin guddaan hojjetameera jedhan.

Haaromsa Hambaa idil addunyaa Jugal dabalatee bakkeewwan turizimii buleeyyii fi haaraa misoomsuunii fi hojiileen Kanaan wal qabatan hojjetamuunsaa turizimiin naannichaa hatattamaan akka guddatu gochuusaa wabeeffataniiru.

Hojii hojjetameen hojii hojjetameen baay’inni turistoota biyya keessaa fi biyya alaa dabalaa dhufuusaa ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015