Livarpuulii fi Notiingihaam Forest wal qixa bahan - ENA Afaan Oromoo
Livarpuulii fi Notiingihaam Forest wal qixa bahan
Hagayya 23/2018 (ENA)- Sagantaa torbee lammaffaa Piriimar Liigii Ingiliziin Livarpuulii fi Notiingihaam Forest galchii lamaa fi lamaan wal qixa bahaniiru.
Taphni garee lamaanii kan wal gitee fi dorgommiin bashannansiisaa kan keessatti mul’ate ture.
Haala Kanaan Livarpuul taphoota walitti aananiin qabxii harcaaseera.
Notiingihaam Foresti dorgommii bara kanaatiin qabxii jalqabaa galmeessiseera.