Hojmaata badaa fi al-seerummaa damee geejjibaarratti mul’atu dhabamsiisuuf hojjetamaa jira-Ejensicha - ENA Afaan Oromoo
Hojmaata badaa fi al-seerummaa damee geejjibaarratti mul’atu dhabamsiisuuf hojjetamaa jira-Ejensicha
Hagayya 23/2018(ENA)- Hojmaata badaa fi al-seerummaa damee geejjibaarratti mul’atu ittisuuf tajaajilli kennamu teeknooloojiin akka gaggeeffamu taasifamuusaa ejensiin geejjibaa Oromiyaa beeksise.
Ejensiin geejjibaa Oromiyaa “Oro Tikkeet” dabalatee appilikeeshinii teeknooloojii hojjete saddet irratti kan xiyyeeffate waltajjiin marii fi gabbisa dandeettii magaalaa Adaamaa galma abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jira.
Tajaajila geejjibaa si’ataa, qaqqabamaa fi nageenyisaa kan mirkanaa’e gochuuf teeknooloojii hojjechuu fi fayyadamasaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan waltajjicharratti kan argaman hogganaan ejensii geejjiba Oromiyaa obbo Kamaal Maammee.
Rakkoo bulchiinsa gaarii fi hojmaata badaa damee kanarratti mul’atan dhabamsiisuuf ga’umsaa fi naamusa konkolaachiftootaa guddisuun bobba’insi geejjibaa qulqullina qabu akka jiraatu taasifamaa akka jiru dubbataniiru.
Riifoormii hojjetamu bu’a qabeessa gochuuf hojmaataa fi itti fayyadama teeknooloojii mirkaneessuun hojii adda duree ta’uu eeraniiru.
Ejensichi hojmaata tikkeetii dijitaalaa “Oro Tikkeet” jedhamu hojiirra oolchuurra darbee bobba’insa buufataalee konkolaataa geejjiba ummataa naannichaa keessa jiru waajjira teeknolojiin hordofuudhaan muummeerraa kallattiidhaan hordofuun tarkaanfiin fudhatamaa jira jedhaniiru.
Kana malees teeknooloojiiwwan saffisa daangessanii fi raadaariitti gargaaramuun hojmaanni to’annoo nageenya tiraafikaa ammayyeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.
Appilikeeshiniin ejensichi hojjete saddet bobba’insa geejjibaa fi kenniinsa tajaajilaa waraqaarraa adda baasuuf kan akeekame ta’uu ibsaniiru.
Haala Kanaan ka’umsaa fi ga’umsa konkolaataa kallattiin hordofuun al-seerummaa hir’isuun akka danda’ame eeraniiru.
Kaayyoon ijoo waltajjii kanaa raawwachiiftota sektara geejjibaa sadarkaan jiraniif itti fayyadama teeknooloojii kanarratti beekumsaa fi ogummaa gahaa uumuu ta’uun eerameera.
Itti gaafatamaan dhiheessii geejjibaa fi babbii ejensichaa obbo Dirribaa Magarsaa gamasaaniin, bobbii geejjiba ummataa guyya guyyaa teeknooloojiin gaggeessuun milkaa’ina riifoormii sektarichaaf murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Abbootiin konkolaataa tajaajila deddeebisa ummataa irratti hojjetanii fi waldaaleen appilikeeshinii kanarratti galmaa’uudhaan tajaajila kennuu akka qaban eeraniiru.
Buufata konkilaataan ala fe’uun, taarifaan olitti kaffalchiisuunii fi lakkoofsaan ol fe’uun guddaa akka nama gaafachiisu hubachiisaniiru.
Hoggantoonnii fi to’attoonni sektara geejjibaa godinaalee, magaalotaa fi aanaarra jiran itti fayyadama teeknooloojiirratti ogummaa fi hubannaa argatanii bu’a qabeessummaa jijjiirama kanaaf tumsaan akka hojjetan dhaamaniiru.