Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruutti Giddu Galli Gabaa Beeyiladaa ijaarame fayyadamummaa hawaasaa kan guddisudha - ENA Afaan Oromoo
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruutti Giddu Galli Gabaa Beeyiladaa ijaarame fayyadamummaa hawaasaa kan guddisudha
Hagayya 23/2018(ENA): Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruutti Giddu Galli Gabaa Beeyiladaa Qarshii Miliyoona 73 oliin hojjetame eebbifamuun Tajaajilaaf banaa taasifame.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruu Magaalaa Komboshaatti Qindoomina Dhaabbata FSRP 'Food System Reliance Program' fi Waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanichaa waliin ta’uun kan hojjetame xumuramuun eebbifamee tajaajilaaf banaa taasifameera.
Pirojektiin Ijaarsa gidduu gala gurgurtaa Beeyiladaa qarshii Miliyoona 73 oliin qulqullinaa fi saffisaan hojjetamuun tajaajilaaf qophaa'uun rakkoolee gabaa turan kan furu ta'uu Bulchaan Aanaa Guduruu obbo Fiqaaduu Abdiisaa himaniiru.
Bu'aa Beeladaa irraa diinagdee barbaadamu argachuuf gidduu galli gurgurtaa Beeyiladaa ammayyaa'aan barbaachisaa waan ta'eef aanaalee hundatti babal'isuuf hojjetamaa jiraachuu Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Doktar Warqinaa Galataa himaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Dinagdee cimsuu, Wabii Midhaan nyaataa mirkaneessuu galma godhatee hojjechaa jiruun gidduu gabaa beeladaa ammayyaa'aan galii qonnaan bulaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Itti aanaan Bulchaa Godina Horroo Huduruu Wallaggaa obbo Luluu Qixxaataa himaniiru.
Gidduu galichi galii Magaalaa cimsuu, Carraa hojii uumuu fi ce'umsa dinagdeef gahee olaanaa kan bahatu ta'uus himaniiru.