Tamsaasa Kallatti:

Sirna Fayyaa Dijitaalessuun Tajaajila fayyaa Qulqullina Qabuuf shoora olaanaa qaba- Biiroo Fayyaa Oromiyaa

Hagayya 23/ 2018(ENA) : Sirna Fayyaa Dijitaalessuun Tajaajila fayyaa Qulqullina Qabuuf shoora olaanaa qaba Biiroon Fayyaa Oromiyaa ibse.

Sagantaan kabaja torbee ragaa fayyaa marsaa 5ffaa mata duree ' Ragaa fayyaa fi furmaatawwan fayyaa dijitaalaa bu'a-qabeessa fayyadamuun bu'aa fayyaa fooyyessuuf' jedhuun kabajameera.


Hoogganaa itti aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa obbo Darajjee Abdannaa sagantaa kana irratti argamuun haasaa taasisaniin, seektarri fayyaa sirna odeeffannoo fayyaa irratti hojiiwwan hojjechaa jiruun bu'aa jajjabeessaan argamaa jirachuu ibsanii jiru.


Kaayyoon sagantaa kanaa ragaa nu karka jiru sirnaan karaa sirrii fi dijitaalawaa ta'een itti fayyadamuun qulqullina kenna tajaajilaa fooyyeessu akka ta'e ibsaniiru.


Obbo Darajjeen itti dabaluun, sirna ragaa keenya dijitaalessuun madda ragaa irraa jalqabuun qulqullina isaa eegaa deemuun murteessaa ta'uu eeruun hojiin sirna odeeffannoo ragaan raawwatamu karaa qindaa'aa ta'een hojjatamuu akka qabu dubbatanii jiru.


Biiroo Fayyaa Oromiyaatti Bakka bu'aan Dayirektoreetii Qophii karooraa, baajataa, hordoffii fi gamaaggama raawwii Obbo Gizaachoo Roobee akka jedhanitti ragaan utubaa tajaajila fayyaa isa ijoo akka ta'e himaniiru.


Warraaqsa odeeffannoo fayyaa dijitaalaa kun murtoo sirrii dabarsuu, qabiinsa ragaa fi kennaa tajaajila fayyaa sadarkaa hunda irratti fooyyessuuf gahee guddaa taphata jedhanii jiru.


Dareektarri daarektoreetii tajaajila qunnamtii odeeffannoo Obbo Tasfuu Nagaasaa torbeen sirna odeeffannoo fayyaa kun sadarkaa hundatti mata duree adda addaan guyyootan walfakkaatu shaniif kan kabajamu akka ta'e ibsaniiru.


Hojii gama dijitalayizeeshiin dhabbilee fayyaa keessatti hojjatamu wal hubachuun hojjatamuu akka qabu dubbachuun hojii hanga ammaatti hojjatameefis galateeffataniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015