Inisheetivoonni qonna magaalaa bu’aa olaanaa galmeessaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Inisheetivoonni qonna magaalaa bu’aa olaanaa galmeessaa jiru
Hagayya 23/2018(ENA): Inisheetiviin qonna magaalaa dhiyeessii nyaataa magaalota keessatti akka tasgabbaa'u, sirni nyaataafi aadaa hojii hawaasaa guyyuu jijjiiruurratti argama.
Hawaasni magaalaa loon foonii, aannaniifi bu'aalee aannanii, lukkuufi buuphaa, akkasumas kuduraafi muduraa garaagaraa haala salphaan argachuu eegaluun, inisheetivichi jalqabbii abdachiisarra jiraachuu kan agarsiisudha.
Magaalota Oromiyaatti jijjiirama gama kanaan argamaa jiru kana idileessuuf, inisheetivicha qooddattoota lama irratti xiyyeeffatee hojjatamuu qabaata. Inni duraa babaldhisuu (Scaling) yoota'u, kana jechuun inisheetivoota qonnaa bu'aa argamsiisuu eegalan baay'inaan babaldhisuun ittifufsiisudha. Gama biraatin immoo sona dabaluu irratti waan hojjatamudha.
Kunimmoo dhiyeessiin omisha qonnaa magaalichatti ammuma baay'inni isaa olguddataa deemu sona itti dabaluun kurfeessuun gabaaf dhiyeessuun tarkaanfii fudhatamuu qabudha.
Gama biraan, inisheetivoonni indastirii Godoofi kanneen biroo, inisheetivoota qonnaa hojiirra jiran waliin walitti hidhamiinsa gara duraaf boodaa akka uuman taasisuun tarkaanfii eegalame akka idilaa'uuf sochii taasisuu barbaachisaa ta’uu odeeffannoon Miidiyaa Hawaasaa Waajjira Pireesidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa argame ni mul’isa.