Bulchiinsa lafaa kaadaastaraan dijitaaleessuun fayyadamummaa hawaasaa caalmaatti mirkaneesuudha - ENA Afaan Oromoo
Bulchiinsa lafaa kaadaastaraan dijitaaleessuun fayyadamummaa hawaasaa caalmaatti mirkaneesuudha
Hagayya 23/2018(ENA): Bulchiinsa lafaa kaadaastaraan dijitaaleessuun fayyadamummaa hawaasaa caalmaatti mirkaneesuu ta’uun ibsame.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa sirna bulchiinsa lafaa ammayyaa, si’ataa fi itti fufiinsa qabu diriirsuun, fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf riiformii diinagdee hunda galeessa hojirra oolchaa tureera.
Haaluma kanaan BLO Kaadaastara Baadiyaa Sagantaa ‘CALM-LAP’ (Climate action through landscape management land administration Program)tiin akka naannoo keenyaatti bara 2012 irraa eegalee waggootaan darban keessatti hojjechaa tureen marsaa 1ffaa xumuruun bakka hooggansi olaanaa sadarkaa Federaala, Naannoo, Godinaa, ogeeyyii caasaa Godinaa fi Aanaa akkasumas qooda fudhattoonni argamaniitti Magaalaa Adaamaatti sirna cufiinsaa marsaa 1ffaa gaggeeffameera.
Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Lafaa Oromiyaa fi I/G Damee Kaadaastaraa obbo Lammii Ilaalaa haasaa taasisaniin, Biiroon Lafa Oromiyaa karoora imala jijjiirama toora hundaan eegalame galmaan gahuuf, tarsiimoo bulchiinsa lafaa giddu-galeeffachuun hojiiwwan gurguddoo hojjechaa tureen karoora itti fayyadama Lafaa bu'a qabeessa taasiseera jedhan.
Sirna bulchiinsa Lafaa haqa qabeessa taasisuufis, kaadaastarri furtuu guddaa ta'uun tajaajila qabeenya lafaa si'ataa, qaqqabamaa fi mijataa ta'e uumun uummanni mirgi abbaa qabiyyummaa ofii irratti amantaa guutuu akka qabatan gochuun danda'ameera jedhan.
Naannichatti hojii kaadaastara baadiyyaa sagantaa gara-garaatiin hanga ammaatti safartii lafaa Godinaalee 21 keessatti hojjetamaa tureen, Aanaalee 219 keessatti Gandoota 4,126 keessatti lafti qarxii (Parsilii) mil.13,708,255 safarmee xumuramuun namoota 4,069,179 ta'aaniif kaartaan dijitalaa abbaa qabiyyummaa lafaa kan kennameef ta'uus Obbo Lammiin dubbatanii jiru.
Bu'aa gama kanaan argameenis, Qonnaan bultoonni 56,927 ta'an dhaabbilee faayinaansii gara garaa irraa qarshii Bil.4.3 ol ta'u liqaa argachuun fayyadamaa ta'uu eeraniiru.
Biiroo Lafaa Oromiyaatti qindeessaan Pirojektii CALM-LAP obbo Taaddalaa Cimdeessaa gamasaanitiin, pirojektiin CALM-LAP (Climate Action through Landscape Management – Land Administration Program) Godina 19, Aanaalee 208 keessatti hojii bulchiinsa lafaa ammayyeessuu, si'eessuu fi qaqqabamaa taasisuun fayyadamummaa mirga abbaa qabiyyummaa lafaa kan mirkaneesse ta'uu ibsaniiru.
Bu'aa gama kanaan argameenis, uummanni qabeenya lafaatiin tajaajila liqii argachuun humna diinagdee isaa guddisaa jiraachuu ibsaniiru.