Tamsaasa Kallatti:

Bara bajataa xumurame milkaa’inni gama hundaan galmaa’ee fi bu’aan argame onnachiisaadha-Pirezidaant Araggaa Kabbadaa

Hagayya 23/2018 (ENA)- Bara bajataa xumurame naannoo Amaaraatti milkaa’inni gama hundaan galmaa’ee fi bu’aan argame onnachiisaa ta’uu Pirezidaantiin naannichaa Araggaa Kabbadaaibsan.


Waltajjiin qorannoo raawwii karoora mootummaa fi Paartii bara bajataa 2018 fi karoora bara 2019 beeksisuuf qophaa’e kan hoggantoonni olaanoo fi jiddu galeessaa naannoo Amaaraa irratti hirmaatan magaalaa Bahaar Daaritti gaggeeffamaa jira.


Pirezidaantiin naannichaa Araggaa Kabbadaa wayita kana akka ibsanitti, milkaa’inni galmaa’ee fi bu’aan bara bajataa xumurame gama hundaanuu argame onnachiisaadha.


Akka biyyaatti filannoo demokiraatawaa fi karaa nagana gaggeessuun, dinagdee, ijaarsa bu’ura misoomaa fi sektaroota hawaasummaatiin bu’aan qabatamaan argameera jedhan.


Nagaa fi tasgabbii naannichaa eegsisuun qindoominaa fi tumsaan hojjechuudhaan seera kabachiisuu fi hojii misoomaa cimsuudhaan milkaa’ina galmaa’e fakkeenya kaasaniiru.


Garee inxaalessaa hidhatee socho’uu fi  finxaalessummaa siyaasaa karaa gurmaa’een irratti qabsaa’uudhaan ilaalchasaa fashaleessuun hojiin onnachiisaan hojjetamuusaa dubbataniiru.


Naannichatti olaantummaa seeraa kabachiisuu irra darbee oomishtummaa qonnaa fi industirii dabalatee tajaajiloota biro qaqqabaa taasisuun danda’ameera jedhan.


Bu’uraalee misoomaa diriirsuudhaan, qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuunii fi carraa hojii uumuudhaan hojiin onnachiisaan akka hojjetame mirkaneessaniiru.


Bulchiinsa gaarii buusuudhaan, malaammaltummaa fi  hojmaata badaa irratti qabsaa’uudhaan,dandeettii galii keessoo guddisuudhaan raawwiin gaariin galmaa’eera jedhan.


Walumaa gala bara bajataa xumurame nageenya lafa qabsiisuun cinaatti hojiileen misoomaa fi bulchiinsa gaarii fayyadama ummataa mirkaneessan hojjetamuu ibsaniiru.

Bu’aaleen argaman caalaatti cimanii itti fufuu akka qaban eeranii, rakkoolee nageenyaa jiru qindoominaan furuun ni barbaachisa jedhaniiru.


Waltajjiin mata duree “fageessanii ilaaluu ga’oomaan hojjechuu” jedhuun eegalame Hagayya 23 amma 27 bara 2018tti ni gaggeeffama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015