Tamsaasa Kallatti:

Magaalaa Goreetti Wiirtuun Tajaajila Iddoo tokkoo 'Masoob' hojii eegale.

Hagayya 23/2018(ENA):‎ Magaalaa Goreetti Wiirtuun Tajaajila Iddoo tokkoo 'Masoob' hojii eegaluu ibsame.

Jiraattonni Aanaa Aallees, kanaan dura seektaraaleen mootummaa walirraa fagachuun tajaajila argachuuf dhamaatiin adda addaa irra gahaa turuu himan.


‎Wiirtuun kun hojii eegaluun dhamaatii hambisee baasii nuu qusachuun tajaajila si'ataa akka argannuuf nu gargaara jedhan jiraattonni kunniin.



‎Bulchaan Aanaa Aallee Obbo Kaliifaa Zeenuu, wiirtuun tajaajila Iddoo tokkoo birrii miliyoona 100fi miliyoona 68 ijaarame kun foddaawwan 8 keessatti tajaajila gosa 69 kan kennu ta'uu himan.



‎Bulchaan Godina Iluu Abbaa Boor obbo Indaalkaachoo Tafarii gama isaaniin, Mootummaan lammiileen tajaajila hunda karaa dijitaalaa akka argataniif hojjetaa jiraachuu eeraniiru.


Tajaajilli wiirtuu Iddoo tokkoo 'Masoob' ammoo tajaajila si'aataa kennuu qofa osoo hin taane tajaajila loogii irraa bilisa ta'e hawaasaaf kennuuf gahee guddaa qaba jedhan.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015