Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Harariitti hojiin fayyadama hunda galeessaa dargaggootaa mirkaneessu cimee itti ni fufa-Itti aantuu Pirezidaantii Roozaa Umar

Hagayya 24/2018 (ENA)- Naannoo Harariitti hojiin fayyadama hunda galeessaa dargaggootaa mirkaneessu cimee itti ni fufa jedhan Itti aantuu Pirezidaantii naannichaa Roozaa Umar.

Sagantaan jalqabsiisa hubannoo uumuu shaakallii hojiirraa dargaggootaa ‘Biqaat’ sadarkaa naannootti magaalaa Hararitti gaggeeffameera.

Sagantaan shaakallii hojiirraa dargaggootaa ‘biqaat’ sadarkaa biyyaalessaatti magaalaawwan 11 keessatti hojiirra ooluunsaa saganticharratti ibsameera.

Itti aantuu Pirezidaantii naannichaa Roozaa Umar waltajjicharratti akka jedhanitti, mootummaan naannichaa fayyadama dargaggootaa guddisuuf hojii hedduu hojjechuusaa kaasaniiru.

Akka Kanaan dargaggoonni dameelee hojii garagaraa irratti hojjechuun aadaa hojii gabbifachuurra darbanii fayyadamummaasaanii mirkaneessaa dhufuusaanii kaasaniiru.

Bara bajataa baranaa naannichatti hojiirra kan oolu “sagantaa shaakallii hojiirraa dargaggootaa biqaatiidhaan” wagga jalqabaatti qofa dargaggoonni kuma 1 fi 50 fayyadamoo ni ta’u.

Kaayyoon ijoo sagantaa kanaa dargaggoonni shaakallii hojiirraa sadarkaa jalqabaa akka argatan gochuun qacarriidhaan carraa hojii uumuu ta’uu eeranii kun ammoo rakkoo hojii dhabdummaa dargaggootaa akka xiqqeessu ibsaniiru.

Akkasumas dargaggoonni dhaabbilee garagaraa keessatti shaakallii hojiirraa akka taasisan kan gargaaruu fi beekumsa qabatamaa achirraa argatan salphaatti hojiitti akka galan ni gargaara jedhaniiru.

Ministeera magaalaa fi bu’ura misoomaatti qindeessaan ko’ordineeshin Yuniitiin carraa hojii uumuu dargaggootaa obbo Niwaayi Altaayyee barreeffama dhiheessaniin akka ibsanitti, sagantichi fayyadama carraa hojii dargaggootaaf haala mijataa ni uuma jedhaniiru.

Amma ammaattis dargaggoonni kuma 55 ta’an shaakallii hojiirraa fudhachuusaanii fi dargaggoota kuma 52 ol ta’anis qacarriidhaan carraa hojii akka fayyadaman taasifamuu dubbataniiru.

Sagantaan shaakallii hojiirraa dargaggootaa biqaat carraalee hojii mootummaan idileedhaan uumuun alatti dargaggoonni carraa haaraa akka sakatta’an hojii akka argatan kan gargaaru ta’uu dubbataniiru.

Hogganaan biiroo misooma Intarpiraayizootaa fi Industirii naannichaa obbo Usmaa’il Yuusuuf gamasaaniin, pirojektichi naannichatti bu’a qabeessaa fi kaayyoo akeekameef akka milkeessu qooda fudhattoota waliin qindoominaan ni hojjenna jedhaniiru.

Hoggantoonni olaanoo naannichaa, gaggeessitoonni waajjiraalee sektarootaa, dargaggoonnii fi kanneen waamaman waltajjicharratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015