Godina Wallaggaa Bahaatti qonni Gannaa fi misoomni inisheetivootaa haala gaariirra jiru - ENA Afaan Oromoo
Godina Wallaggaa Bahaatti qonni Gannaa fi misoomni inisheetivootaa haala gaariirra jiru
Hagayya 23/2018 (ENA): Haalli hojii misoomaa Gannaa Godina Wallaggaa Bahaatti bara oomishaa 2018/2019 hojjetamanii haala gaariirra jiraachuu waajjirri qonnaa Godinichaa beeksise.
Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaa Godinichaa Darajjee Biraanuu(PhD) akka himanitti yeroo ammaatti oomisha fooyya’aa argachuuf oyiruun sanyiidhaan uwwifamuu fi kunuunsi midhaanii taasifamaa jira jedhan.
Lafa heektaara kuma 801 fi 185 qotuuf kan karoorfame ta’uu eeruun, heektaarri kuma 831 fi 816 kan qotame yoo ta’u, kunis kan karoorfame irraa dhibbeentaa 103.8 caalmaa agarsiisa jedhan.
Qonnaan bultoonni paakeejii guutuudhaan akka hojjetanii omishtummaa isaanii guddisan hojiin eegalameen,haaluma kanaan paakeejii guutuudhaan lafti hektaarri kuma 210 fi 635 qotamuu himaniiru.
Inisheetivoota qonna Gannaan kan misooman boqqolloo dhibbeentaa 134, boloqqee dhibbeentaa 122, ocholoonii dhibbeentaa 106, fi qamadi fi bishingaa dhibbeentaa 103, tokkoon tokkoon isaanii karooraan ol misoomuu danda’aniiru jedhani.
Qonna kilaastaraa keessatti lafti heektaara kuma 642 fi 62 sanyiidhaan misoomuu isaa yaadachiisuun, damicharratti hubannoo uumuu fi hordoffii cimaa yeroo hunda gaggeeffamaa jiruun jijjiiramni galmaa’uu ibsaniiru.
Gama biraatiin dhiheessii galtee qonnaa waliin walqabatee, dhiyeessiin sanyii fi xaa’oo yeroodhaan fayyadamtoota bira akka ga’uuf tattaaffiin taasifamaa akka ture Dr. Darajjeen ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni misooma Godinichaa irratti hirmaatan gama isaaniitiin, jalqabbii qonnaa fi misoomaa biroo bu’a qabeessa taasisuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu himan.
Obbo Sanbatoo Itichaa qonnaan bulaa Godinichaa aanaa Diggaa kan ta’an akka himanitti, Qonna kilaastaraan midhaan garagaraa misoomsaa akka jiran dubbatan.
Qonnaan bulaan biraa Addisuu Gizawuu gama isaaniin akka jedhanitti, ogeeyyiin qonnaa sadarkaa sadarkaan jiran deeggarsaafi hordoffii taasisaa akka jiran himaniiru.
Tattaaffii mataa isaanii fi gargaarsa ogeeyyiitiin oomisha fooyya’aa galmaan ga’uuf karoorfachuu isaanii ibsaniiru.