Tamsaasa Kallatti:

Gaaffiin Hulaa Galaanaa Itiyoophiyaa fayyadamummaa waliiniin dabalatatti nageenya naannawaaf mirteessaadha

Hagayya 23/2018 (ENA): Gaaffiin Hulaa Galaanaa Itiyoophiyaa fayyadamummaa waliiniin dabalatatti nageenya naannawaaf murteessaa ta’uu hayyoonni damichaa ENA waliin turtii taasisan himani.

Madda laga Abbayyaa kan taatee fi Galaana Diimaatti dhiyeenyatti kan argamtu Itiyoophiyaan, qaama bishaan lamaan waliin walitti hidhamiinsa guddaa akka qabdu ni beekama.

Yunivarsiitii Jimmaa Inistiitiyuutii Teeknooloojiitti barsiisaa fi qorataa injinariingii bishaanii kan ta’an gargaaraan piroofeesaraa Maammuyyee Buseer akka himanitti, Itiyoophiyaan hulaa galaanaa dhabdee jiraachuu waan hin dandeenyeef hulaa galaanaa argachuun dirqamadha jedhan.

Itiyoophiyaan nageenya Galaana Diimaa mirkaneessuu keessatti, abbummaa buufata galaanaa isheetiin alatti, barbaachisummaan nageenya naannichaa eegsisuu ishee kan hin haalamne ta’uu cimsanii dubbataniiru.

Yunivarsiiticha keessatti barsiisaan kutaa haayidirooliiksii fi Injinariingii qabeenya bishaanii kan ta’an Waaqjiraa Takilee (PhD) akka ibsanitti, dhimmi abbummaa Itiyoophiyaan hulaa galaanaa kana walitti hidhamiinsa misoomaa dantaa ofiitiin ala biyyoota biroo fayyadamoo taasisuu danda’u waliin kan wal simu ta’uu ibsaniiru.

Kanaaf, dhimmi Galaana Diimaa walta’iinsaa fi dippilomaasii karaa nagaa ta’een ilaalamuu akka qabu, qajeeltoon Itiyoophiyaan gama kanaan hordofaa jirtu kan galateeffamu ta’uu ibsaniiru.

Yunivarsiitii Ambootti kutaa seeraatti barsiisaa fi qorataa kan ta’an gargaaraan piroofeesaraa Biraanuu Moosisaa akka himanitti, gaaffiin Itiyoophiyaan hulaa Galaanaa irratti dhiheessite, gama seera biyya keessaa, naannoo fi idil-addunyaatiin amansiisaa fi fudhatama kan qabu jedhani.

Itiyoophiyaan nagaa eegsisuu fi shororkeessummaa ittisuu keessatti gahee adda duree ta’uun ishee beekamaa ta’uu hubachiisuun, Itiyoophiyaan Galaana Diimaa irratti gaaffiin dhimma faayidaa waloof qofa osoo hin taane, naannichatti nageenya mirkaneessuuf carraa guddaa akka ta’e dubbataniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015