Balaa Naannoo Oromiyaa keessatti mudachuu malu dandamachuuf tattaaffii taasifamaa jiruuf deeggarsa keenya ni cimsina - Abbootii Amantaa fi Abbootii Gadaa - ENA Afaan Oromoo
Balaa Naannoo Oromiyaa keessatti mudachuu malu dandamachuuf tattaaffii taasifamaa jiruuf deeggarsa keenya ni cimsina - Abbootii Amantaa fi Abbootii Gadaa
Hagayya 23/2018 (ENA): Balaa uumamaa fi nam-tolchee Naannoo Oromiyaa keessatti mudatu ittisuu fi deebii kennuuf tattaaffii gaggeeffamaa jiru adda durummaan kan deeggaran ta’uu abbootiin amantaa fi Abbootiin Gadaa ibsaniiru.
Dandeettii naannichi balaa dandamachuu cimsuu fi hirkattummaa gargaarsa alaa hir’isuuf tattaaffiin kallattii hedduun taasifamaa jira.
Keessattuu yeroo balaa uumamaa, lolaa fi balaawwan nam-tolchee biroo mudatu deebii ariifataa fi itti fufiinsa qabu kennuudhaaf dandeettii keessoo ijaaruuf hojiiwwan hojjetamaa turaniiru.
Abbootiin amantaa fi abbootiin Gadaa turtii ENA waliin taassisaniin akka himanitti, balaa namtolchee fi uumamaa ittisuu fi deebii kennuuf tattaaffii taasifamaa jiru deeggaruun gahee isaanii akka bahan mirkaneessaniiru.
Aadaan balaa dandamachuu fi rakkoo keenya waliin hiikuu duudhaa ummataa durii waan ta’eef; Aadaa kana cimsuuf hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamaa akka jirus ibsaniiru.
Kanaaf hawaasa qindeessuun, hojii tola ooltummaa cimsuu fi maallaqa walitti qabuun itti gaafatamummaa isaanii kutannoodhaan akka bahan mirkaneessaniiru.
Dura taa’aan Mana Maree Dhaabbilee Amantaa Magaalaa Shaggar Abbaa Afawarqi Yohaannis hojiiwwan ‘Buusaa Gonofaa Oromiyaan’ balaa namtolchee fi uumamaaf deebii kennuun gaggeessan jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.
Waggoota afran darbanitti rakkoo hawaasummaa fi diinagdee gareewwan rakkoof saaxilamoo ta’an gargaaruun gahee olaanaa taphachuusaa eeraniiru.
Dhaabbileen amantaas hojiiwwan milkaa’oo dhaabbatichaan gaggeeffamaa jiran deeggaruun gargaarsa barbaachisu akka taasisan dhaamaniiru.
Sirni ‘Buusaa Gonofaan’ kan jajjabeeffamu waan ta’eef dhaabbilee amantaa dabalatee qaamota hundaan deeggaramuu qaba jedhan Dura taa’aa Itti aanaan Mana Maree Dhaabbilee Amantaa Magaalaa Shaggar Sheek Sayid Huseen.
Sirnichi gareewwan hawaasaa rakkoof saaxilamoo ta’an loogii tokko malee waan deeggaruuf lammii fi dhaabbanni tola ooltummaa kamiyyuu hanga dandeettii isaa deeggarsa gochuu akka qabu cimsanii dubbataniiru.
Abbaa Gadaa Warqinaa Tarreessaa gama isaaniin ‘Buusaa Gonofaan Oromiyaa’ duudhaa aadaa abbootii guddate sirna Gadaa irraa maddee fi ummanni Oromoo yeroo gammachuu fi rakkinaa wal gargaaru ta’uu ibsani.
Akkasumas, hojiiwwan dhaabbatichi gareewwan hawaasaa rakkoof saaxilamoo ta’an deeggaruu fi balaawwan mudatu dandamachuu keessatti raawwachaa jiru lammiileen fayyadamoo ta’uu ibsaniiru.
Miseensi diyaaspooraa naannoo Oromiyaa obbo Lammeessaa Kabbadaa akka jedhanitti, ‘Buusaa Gonofaan Oromiyaa’ balaa dandamachuu fi deebii gahaa kennuuf tattaaffiin taasisaa jiru jajjabeessaadha.
Hawaasni diyaaspooraa tattaaffii of danda’uu kana galmaan ga’uuf kutannoodhaan itti gaafatamummaa isaa bahachuuf qophii ta’uus mirkaneessaniiru.