Tamsaasa Kallatti:

Hojii dhabdummaa dargaggoota Dirree Dhawaa furuuf tarkaanfiiwwan milkaa’oo fudhatamaa jiran

Hagayya 23/2018 (ENA): Bulchiinsi magaalaa Dirree Dhawaa bara baajataa kana keessatti tattaaffii qindoominaa dameelee adda addaa cimsuun lammiilee kuma 23 ta’aniif carraa hojii dhaabbataa dameelee garagaraan uumuuf karoorfame hojiirra oolchuu isaa beeksise.




Akka itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Roobeel Geetachoo jedhanitti, rakkoo hoji dhabdummaa dargaggootaa furuuf xiyyeeffannaan addaa mootummaan ida’amuu kenne lammiilee hedduu fayyadamoo taasisaa jira.

Dirree Dhawaattis bara baajataa xumurame keessatti leenjii ogummaa gaggabaaboo hojii barbaaddotaaf kennuun lammiilee kuma 20 fi 400 ol hojii dhaabbataa akka argatan taasisuu danda’uu eeraniiru.

Lammiileen gara humna hojiitti seenan bakka gurgurtaa fi oomishaa mijeessuun akkasumas liqiin faayinaansii caalaatti oomishtummaa akka qabaataniif deeggarsi taasifamuu ibsaniiru.
Industiriiwwanii fi dhaabbileen tajaajilaa haaraan hojiitti seenaa waan jiraniif, hojiiwwan dargaggootaaf carraa hojii argamsiisuuf hojjetamaa jiran bu’aa argamsiisaa jiraachuus hubachiisaniiru.




Bara baajataa kana keessattis dhaabbilee adda addaa waliin qindoominaan damee industirii, tajaajilaa fi qonnaa keessa jiraattota kuma 23 ta’aniif carraa hojii dhaabbataa uumuuf karoorri qophaa’ee hojiitti hiikamuu isaa ibsaniiru.

Bara baajataa kana keessatti hanga ammaatti dargaggoonni kuma 1 ol ta’an industirii fi hoteelota ammayyaa keessatti carraa hojii dhaabbataa uumuu danda’uu isaaniis eeraniiru.

Dargaggootaaf leenjii ogummaa yeroo gabaabaa gabaan barbaadu kennuuf, carraa hojii biyya keessaa fi biyyoota alaa adda addaa keessatti seeraan fayyadamoo akka ta’aniif tattaaffiin taasifamaa akka jirus eeraniiru.

Akkasumas pirojektii biyyaalessaa ‘Biqaat’ jedhamuun akka biyyaatti hojjetamuun dargaggoota kuma 1 fi 800 ol fayyadamoo taasisuuf hojiin eegalamuu isaa ibsaniiru.

Dargaggoota kanneeniif leenjii ogummaa jireenyaa fi leenjii ogummaa kennuufi industirii fi wiirtuuwwan tajaajilaa 500 waliin walqabsiisuudhaan carraa hojii dhaabbataa akka argatan taasisuuf leenjii hojii irratti eegaluu isaaniis beeksisaniiru.




Biirichatti Daarektarri Carraa Hojii Uumuu fi Tajaajila Dhaabbata Tokkoo obbo Sa’iid Alii akka jedhanitti, kolleejjiiwwan teeknikaa fi ogummaa Biiroo jala jiran keessatti leenjiin gaggabaaboo hoggansa gabaa irratti bal’inaan kennamaa jira.
Dabalataanis deeggarsa qindoomina qabu gochuun guddinaa fi ce’umsa intarpiraayizoota xixiqqaa fi maayikiroo haaraa fi jiran 400 saffisiisuuf tattaaffiin hojjetamaa jira jedhan.

Shamarree Roomaan Haayilee, leenjii kanaan alatti deeggarsa mootummaan taasifamuun mana miidhagina dubartootaa mataa ishee hojjechaa akka jirtu ibsiteetti.
Galii argatteen jireenya ishee jijjiiruu qofa osoo hin taane, namoota biroof carraa hojii uumuu akka dandeesse himteetti.

Namoota hojii dhaabbataa industirii keessatti uumamaniif keessaa dargaggoo Ashannaafii Asnaqee fi dargaggeessi Nigaatuu Mallas akka jedhanitti, Bulchiinsichi abbootii qabeenyaa inustirichaaf deeggarsaafi to’annoo taasisaniin dargaggoonni hedduun isaan dabalatee carraa hojii irraa fayyadamoo akka ta’an ibsaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015