Godina Shawaa lixaatti midhaan dibataa lafa hektaarri kuma 72 olirratti qonna gannaatiin misoomaa jira - ENA Afaan Oromoo
Godina Shawaa lixaatti midhaan dibataa lafa hektaarri kuma 72 olirratti qonna gannaatiin misoomaa jira
Hagayya 23/2018 (ENA)- Godina Shawaa lixaatti midhaan dibataa lafa hektaarri kuma 72 olirratti qonna gannaatiin misoomaa jiraachuu waajjirri qonnaa godinichaa beeksiseera.
Godinni Shawaa lixaa qilleensaamijataa fi lafa gabbataa midhaan akaakuu garagaraaf mijatuun kan badhaadhedha.
Godinichi sanyiiwwan dheedhii gurguddoo fi sanyii midhaaniin alatti, midhaan dibataa kanneen akka Nuugii, Talbaa, Saliixii fi raafuu oomishuuf baay’ee mijataadha.
Waajjira qonnaa godinichaatti ogeessi misooma sanyiiwwanii obbo Balaayi Baqqalaa ENAtti akka himanitti, bara oomishaa 2018/19 midhaan dibataa faayidaa dinagdee olaanaa qabaniif xiyyeeffannoon taasifamee hojjetamaa jira.
Lafa misoome keessaa heektaarri kuma 40 fi 665 Saliixiin yoo ta’u kan hafe nuugii, talbaa, raafuu fi lawuziidhaan misoomuu ibsaniiru.
Misoomni midhaan dibataa hanqina zayitii nyaachaa furuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu obbo Balaayi ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni godinichaa kuma 88 fi 761 midhaan dibataa misoomsaa kan jiran yoo ta’u, oomishni kuntaala kuma 653 fi 535 akka abdatamu eeraniiru.
Qonnaan bulaan aanaa Amboo misoomicharratti hirmaachaa jiran Fayyisaa Baqqalaa yaada kennaniin, lafa hektaara walakkaarratti Nuugii, akkasumas lafa hektaara walakkaarratti Talbaa misoomsaa akka jiran ibsaniiru.
Qonnaan bulaan aanaa kanaa kan biraan Alamaayyoo Bareechaa, oyiruu hektaara walakkaarratti talbaa fi raafuu facaasuusaanii ibsanii, oomisha fooyya’aa akka abdatan dubbataniiru.
Godina Shawaa lixaatti ganna darbe lafa hektaara kuma 69 caalurraa midhaan dibataa kuntaalli kuma 623 caalu argamuusaa odeeffannoon waajjira qonnaa godinichaa ni mul’isa.