Aanichatti dubartootni 800 ta'an waldaan gurmaa'uun misooma qonnaa irratti hirmaachuun jiruuf jireenya isaanii fooyeeffachaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Aanichatti dubartootni 800 ta'an waldaan gurmaa'uun misooma qonnaa irratti hirmaachuun jiruuf jireenya isaanii fooyeeffachaa jiru
Hagayya 23/2018(ENA)- Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horrootti Dubartootni 800 ta'an waldaan gurmaa'uun misooma qonnaa irratti hirmaachuun jiruuf jireenya isaanii fooyeeffachaa jiraachuu himan.
Aanaa Horroo Ganda Kombochaa Caancoottis Dubartootni waldaan gurmaa'uun lafa hektaara 52 olirratti Boqqolloo kilaastaraan oomishaa jiran callaa guddaa abdachaa akka jiran dubbataniiru.
Aaddee Siwayyee Toleeraa jiraattuu Ganda Komboshaa Caancoo akka jedhanitti, inisheetiviiwwan misooma Qonnaa garaa garaa irratti hojjechuun jiruuf jireenya isaanii fooyyeffachaa jiraachuu himaniiru.
Walitti qabduun waldaa Dubartooraa Ganda Komboshaa Caancoo Aadde Immabeet Adaanee akka jedhanitti, Dinagdee Dubartootaa cimsuu fi gorsa yeroo garaa garaa kennameef fayyadamuun hojii qonnaarraatti hirmaaranii galii guddaa argachaa jiraachuu himaniiru.
Waajjira Qonnaaf Lafaa Aanaa Horrootti Dursaan Garee Misoomaa fi eegumsa Biqiltuu obbo Tashaalee Abdiisaa akka jedhanitti, inisheetiviiwwan misooma qonnaa garaa garaa irratti hirmaannaan dubartootaa cimee akka itti fufuuf deeggarsa ogummaa taasisaaf jiru.
Dubartootni guddina dinagdee saffisiisuu keessatti gahee guddaa waan qabaniif Mootummaan jijjiiramaa xiyyeeffannoo kenneen aanichatti hiemaannaan dubartootaa cimuun bonaa fi Ganna oomishaa akka jiran Bulchaan Aanaa Horroo obbo Sanyii Baqqalaa himaniiru.
Maatii Badhaadhinaa cimsuun Badhaadhina Waloo mirkaneessuufis waldaan gurmaa'uun hojjechuu fi aadaa qusannaa akka gabbifatan deeggarsa barbaachisu gochaa akka jiranis itti dabaluun dubbataniiru.