Teeknooloojiiwwan qonnaa hojiirra oolanii fi dhiheessiin sanyii filatamaa bu’a qabeessummaa qonnaan bulaa dabalaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Teeknooloojiiwwan qonnaa hojiirra oolanii fi dhiheessiin sanyii filatamaa bu’a qabeessummaa qonnaan bulaa dabalaa jiru
Hagayya 23/2018 (ENA): Teeknooloojiiwwan qonnaa hojiirra oolanii fi dhiheessiin sanyii filatamaa oomishaa fi oomishtumma bu’a qabeessummaa qonnaan bulaa dabalaa jiraachuuhayyoonni ibsan.
Mootummaan wabii nyaataa qonnaan bulaa mirkaneessuu fi fayyadama dinagdee guddisuuf qonna ammayyeessuurra darbee muuxannoo waqtii eeganii oomishuu jalaa bahuuf misooma qamadii jallisii Bonee hojiirra oolcheera.
Kun ammoo oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuun hirkattummaa hambisuurra darbee Qamadii biyya alaatti erguuf gumaacha olaanaa gochaa jira.
ENA’n hojiirra oolmaa fi bu’a qabeessummaa karoora misooma qonnaa mootummaa ilaalchisuun ogeessotaa fi qorattoota damichaa waliin turtii taasiseera.
Ogeeyyota damichaa ibsa ogummaa taasisan keessaa qindeessaa sagantaa qorannoo qamadii biyyaalessaa fi qorataan wiirtuu qorannoo Bishooftuu Dr. Nagaash Galataa akka jedhanitti, hojiirra oolmaan misooma qonnaa teeknooloojiiwwan qonnaa fayyadamuu fi yeroo eeganii oomishuu jalaa bahuuf kan gargaarudha.
Bishaan lafa jalaa fi lafa gubbaa faayidaaf oolchuudhaan qonnaan bulaan rooba eeguu jalaa bahee misooma jallisii bal’inaan fayyadamuudhaan oomishtummaa fi fayyadamummaa guddifachaa dhufuusaa dubbataniiru.
Misoomni qonnaa bu’a qabeessa akka ta’u waggoottan darban xaa’ummaa lafaa guddisuu fi jiidhatti gargaaramee misoomsuuf hojiin hojjetame milkaa’uusaa dubbataniiru.
Naannichatti sanyii filatamaa gargaaramuun alatti qonna kilaastaraa babal’isuun oomishtummaa qonnaa guddisuusaa kan ibsan ammoo intarpiraayizii sanyii filatamaa Itiyoophiyaatti ogeessa olaanaa agiroonoomii damee Baalee obbo Dassaalanyi Dajaneeti.
Kanaafis, intarpiraayiziichi sanyiiwwan filatamoo qamadii, garbuu fi baaqelaa qonnaan bulaaf dhiyeessuu bira darbee, sirna kilaastaraa fi kunuunsa midhaanii irratti deeggarsa ogummaa taasisaa jiraachuu isaanii ibsaniiru.
Dhiyeessii sanyii filatamaa kanaan midhaan dhukkubaa fi hongee dandamatu qonnaan bulaaf dhiyeessuun, dandeettii dinagdee isaanii guddisuuf gahee isaanii bahaa jiraachuu himaniiru.
Keessattuu, misooma qamadii bonaa jallisii irratti dhiyeessiin sanyii filatamaa gahaa fi qaqqabamaa akka ta’u gochuun, bu’a qabeessummaa isaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Yuunivarsiitii Madda Walaabuu keessatti qindeessaa olaanaan piroojeektii qorannoo qamadii fi qorataa kan ta’an Gargaaraa Piroofeesaraa Jamaal Abdulkariim, gama isaaniitiin akka ibsanitti, yuunivarsiitichi misooma qamadii jallisii guddisuuf qonnaan bultoota leenjii fi galteewwan qonnaatiin deeggaramaa jira.
Keessattuu, qonnaan bultoonni godinaalee Baalee, Baalee Bahaa fi Arsii Lixaa keessa jiran misooma qamadii Bonaa jallisii irratti beekumsa itti fayyadama teeknooloojiiwwan qonnaa akka argatan leenjii kennamaa jiraachuu ibsaniiru.
Teeknooloojiiwwan qonnaa fi dhiyeessii sanyiiwwan filatamoo qaqqabamaa taasisuun, bu’a qabeessummaa qonnaan bulaa guddisuuf hojiiwwan hojjetaman oomishtummaa dabaluudhaan qonnaan bultoota fayyadamaa taasisaa jiraachuu beeksisaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#