Mootummaan Naannoo Oromiyaa haaromsa aadaa gaggeessaa jiruun Oromoon duudhaa isaa ganamaatti deebisuuf hojjechaa jira - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan Naannoo Oromiyaa haaromsa aadaa gaggeessaa jiruun Oromoon duudhaa isaa ganamaatti deebisuuf hojjechaa jira
Hagayya 23/ 2018 (ENA)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa haaromsa aadaa gaggeessaa jiruun Oromoon duudhaa isaa ganamaatti deebisuuf hojjechaa jiraachuun ibsame.
Sirbi Goobee fi Shinooyyee jala bultii waggaa haaraatti ayyaanota birraa kabajaman dursuun Qeerroo fi Qarree Oromoon ji'a Hagayya irraa hanga Fulbaana gara jalqabaatti waggaa waggaan sirbamus haaromsa aadaaf gumaacha guddaa taasisaa jira.
Sirba Goobeefi Shiinoyyees ta'e ayyaanonni Oromoo kabajaman kamiyyuu haala duudhaa isaa ganamaa eegeen sirnaan kabajamuu akka qaban Abbootiin Gadaa Oromoo ibsaa turaniiru.
Kanuma bu'uura godhachuun Abbaan Gadaa Tuulamaa Abbaa Gadaa Geetuu Taliilaa haala taphni Goobeefi Shiinoyyee itti taphatamuu qaburratti guyyaa har'aa Magaalaa Finfinnee Malkaa Hora Finfinneetti miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Abbaan Gadaa Geetuu Taliilaa ibsa kennaniin, Goobeefi Shiinoyyeen tapha simannaa brraa dargaggeessaafi shamarraniin taphatamufi kunis Hagayya 16 irraa akka eegalufi sirna isaa eeggatee taphatamuu akka qabu himan.
Taphni kunis tapha jaalalaafi kan gamtaan taphatamu ta'uufi jala bultii birraatti kan taphatamuufi waa kadhachuuf kan baa'amu akka hin taane ibsaniiru.
Taphni kun daa'imaafi gaa'essa abbaa warraa kan hin dabalanne manarra deemuun taphatanii kennaa kan ittiin fudhatanii eebbisan ta'uus eeraniiru.
Haaromsa aadaa taasifameefis akka gumaachutti sirnaan naamusa isaa eegee kabajamuu akka qabus yaadachiisaniiru.
Shinooyyeen immoo kan Qarreen Qunnii buqqifachuun eegalamu ta'uu ibsanii,kunis irra jireessaan shamarraniin akka sirbamuufi dubartii bultii qabdu akka hin ilaallanne eeran.Shinooyyenis akkuma Goobee sirba jaalalaafi tokkummaan shamarraniin sirbamu akka ta'e Abbaa Gadaa Geetuu Taliilaa himaniiru.
Sirnichi karaa duudhaa fi safuu isaa eegeen akka raawwatuuf qaamni hundi tumsa barbaachisaa akka taasisuu qabus dhaamaniiru