Tamsaasa Kallatti:

Daandii Qilleensaa Itoophiyaa: Agarsiistuu Imala Olka’iinsa Itoophiyaa- Kan Afrikaannoonni ittiin boonaan

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa dhaabbata daldalaa qofa osoo hin taane, mallattoo dhugaa Paana-Afrikaanizimii ti. Inni tokkummaa Afrikaanotaa, seenaa bilisummaa fi tarsiimoo badhaadhina waliinii samii irratti oolkaassee kan mul’isuudha.  

Yeroo ardiin afrikaa hacuuccaa kolonii jala turtee fi biyyoota Afrikaa gidduutti walitti hidhamiinsi gahaan hin jirretti, bara ALA 1945 irraa eegalee uummataa fi hoggantoota Afrikaa walitti fiduun, dhugaa ba’aa seenaa jiraataa ta’ee tajaajileera. Dhaabbanni xiyyaaraa kunis “New Spirit of Africa” - jechuun “Hafuura Haaraa Afrikaa” — jedhu akkaataa hojii isaatiin mirkaneessuun, boonsaa biyyaalessaa fi ardichaa ta’eera.    

Dhaabbanni xiyyaaraa kun guddina waliinii Afrikaanotaa irratti hojjechaa akka jiru kan mirkaneessu keessaa hojiiwwan ijoo tokko, biyyoota Afrikaa birootti rakkoo maallaqaa fi dandeettii teeknikaa dhabuu irraa kan ka’e dhaabbileen xiyyaaraa biyyaalessaa isaanii kufan ykn rakkoo keessa jiran deebisee dhaabuu fi cimsuu irratti tarsiimoo itti fufiinsa qabuun hojjechuu isaati.

Kana malees, sadarkaa addunyaatti dhaabbata guddaa fi bu’aa argamsiisu ta’uu qofa osoo hin taane, damee aviyeeshinii ardichaa waliin guddisuuf dhaabbilee xiyyaaraa Afrikaa hundeessuu fi deeggaruu irratti hojiiwwan tarsiimoo bal’aa hojjachaa jira.

Dhaabbanni kun Waldaa Dhaabbilee Geejjiba Qilleensaa Afrikaa (AFRAA) fi mootummaa biyyoota Afrikaa garaagaraa waliin ta’uun, Afrikaa keessatti hojiiwwan hedduu milkaa’inaan raawwachaa jira. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Afrikaa keessatti qooda abbummaa qabaachuu fi tajaajila bulchiinsaa kennuun, daandiiwwan qilleensaa hedduu hundeessuu fi cimsuu keessatti gahee dursaa taphachaa jira.

Haaluma kanaan, Daandii Qilleensaa ASKY kan waajjira muummee isaa Togoo, Afrikaa Dhihaa keessatti qabu, Daandii Qilleensaa Maalaawii,Daandii Qilleensaa Zaambiiyaa, Daandii Qilleensaa Koongoo, Daandii Qilleensaa Giinii fi invastimantiiwwan damee aviyeeshinii biroo irratti hirmaachuudhaan, Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa gahee isaa akka humna cimaa tokkootti mirkaneesseera.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa qooda abbummaa fi bu’aa dhaabbilee kanaa keessaa harka caalaa mootummaa biyyoota abbaa qabeenyaa ta’aniif dhiisuudhaan, gama biraatiin immoo bulchiinsa, leenjii fi deeggarsa teeknikaa kennuun, aviyeeshiniin Afrikaa waloon akka guddatu taasisaa jira. Akkasumaas daandiiwwan qilleensaa biyyoota Afrikaa biroof deeggarsa teeknikaa fi leenjii walitti hidhame ni kenna.

Dhaabbanni kun daandiiwwan qilleensaa kanneen keessatti qooda abbummaa tarsiimawaa qabaachuudhaan, mirga abbummaa fi bu’aa daldalaa dhaabbilee sanaa keessaa harka caalaa mootummaa biyyoota abbaa qabeenyaa ta’aniif dhiisee, itti gaafatamummaa hojii fi bulchiinsaa guutuu fudhata. Kunis Afrikaanonni of danda’anii akka guddatan gumaacha taasiseera.  

Hojii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa daandiiwwan qilleensaa Afrikaa hundeessuu fi cimsuuf hojjetu kun guutummaatti Paana-Afrikaanizimii fi yaada dhugaa tumsa Afrikaa irratti hundaa’e; hojii guddaa sadarkaa ardii tokkootti hojjetamuudha. Tarsiimoon damee hedduu kan Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa hordofu kun kaayyoo isaa gabaa irratti ol’aantummaa qabaachuu ykn to’achuu qofa miti. Inumaayyuu, biyyoota obbolaa Afrikaa kanneen aviyeeshinii hin qabne ykn daandiin qilleensaa isaanii cufameef, dandeettii teeknikaa fi bulchiinsaa isaa qooduunis kaayyoo isaa keessaa isa tokko.

Daandiiwwan qilleensaa Afrikaa abbummaa waloo jalatti yeroo hundeessu, faayidaa dinagdee qofa hin shallagu. Kanaa mannaa, akkaataa waliigaltee Naannoo Daldala Walaba Afrikaa irratti hundaa’uun, sochii namootaa fi meeshaalee ardichaa saffisaa fi salphaa gochuudhaan, badhaadhina Afrikaa waliinii fiduuf kaayyeffata. Akkaataan hojii kunis Afrikaa hirkattummaa daandiiwwan qilleensaa biyyoota alaa irraa qabdu irraa akka bilisa baatu kan taasisu yoo ta’u, ibsituu dhugaa Paana-Afrikaanizimii ti.

Akaadamii aviyeeshinii ammayyaa kan ofii isaa keessaa payiiletoota, injinaroota fi hojjettoota tajaajila balalii leenjisu ijaaruun, damee aviyeeshiniitiif humna namaa gahumsa qabu oomishuu keessatti gahee ijoo taphachaa jira. Dandeettiin leenjii fi suphaa isaa olaanaa waan ta’eef, ogeessota aviyeeshinii biyyoota Afrikaa garaagaraa irraa dhufaniif, akkasumas dhaabbilee xiyyaaraa Afrikaa alaa jiranitti tajaajila leenjii, suphaa fi teeknikaa kennuun, lafee dugdaa aviyeeshinii Afrikaa ta’uu isaa mirkaneesseera.

Hariiroon kun biyyoonni damee aviyeeshinii isaanii akka cimsatan, akkasumas daldalaa, tuurizimii fi walitti dhufeenya uummataa fi uummataa irraa faayidaa akka argatan taasisuun, mul’ata Ajandaa 2063 Gamtaa Afrikaa milkeessuuf gahee isaa bahata.   

Dhaabbanni xiyyaaraa kun waggaa waggaadhaan badhaasa idil-addunyaa garaagaraa kan argatu yoo ta’u, xiyyaarota ammayyaa yeroo wajjin deemaan, kanneen akka (Airbus A350-1000), bituun Afrikaa keessatti isa jalqabaa ta’ee xiyyaara kana tajaajila balalii irra oolcheera. Akkasumas, Afrikaa keessatti giddugala suphaa xiyyaaraa isa guddaa fi dhaabbata kaargoo (fe’umsaa) ammayyaa ijaaruun tajaajila isaa haareesseera.

Addunyaa irratti dhaabbileen xiyyaaraa gurguddoon 26 ta’an miseensa kan itti ta’an (Star Alliance) keessatti miseensa ta’uun, Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa dhaabbata guddaa fi idil-addunyaatti fudhatama qabu ta’ee jira. Galiin inni waggaa waggaadhaan biyya keenyaaf argamsiisuunis dameewwan dinagdee ijoo keessaa isa tokko, akkasumas damee dursaa ta’ee isa taasisa.

Yeroo weerarri kooviid-19 addunyaa sodaachisee fi dhaabbileen xiyyaaraa gurguddoon kasaaraan hojii isaanii dhaabanitti, Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa murannoo fi hoggansa cimaa qabuun, tajaajila kaargoo/fe’umsaa isaa fayyadamuudhaan qorichoota, meeshaalee yaalaa fi fe’umsawwan garaagaraa Afrikaafis ta’e biyyoota addunyaa biroof geessuun, deeggarsa isaa fi bu’aa argamsiisuu isaa mirkaneesseera.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa dhaabbata dhugumaan Afrikaanotaa fi Afrikaaf hojjetu ta’uu isaa hojii isaatiin kan mirkaneesse, har’as akkuma kaleessaa, riqicha misoomaa fi tokkummaa Afrikaa ta’ee itti fufeera. Dhaabbanni xiyyaaraa kun har’as akkuma kaleessaa, “Hafuura Haaraa Afrikaa” ta’ee, ardicha gara badhaadhina olaanaa, marsaa guddinaa fi olka’iinsa waliinii geessisuuf hoggansa isaa cimsatee itti fufa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015