Inishiyeetiiviin Taayilaandi-Afriikaa walta’iinsa faayidaa waloo irratti hundaa’e cimsuu irratti boqonnaa haaraa bana. - ENA Afaan Oromoo
Inishiyeetiiviin Taayilaandi-Afriikaa walta’iinsa faayidaa waloo irratti hundaa’e cimsuu irratti boqonnaa haaraa bana.
Hagayya 22/2018(ENA): Taayilaandi Hariiroo Afrikaa Waliin Qabdu Gara Sadarkaa Olaanaatti Guddisuuf Sirna Tumsa Haaraa Finfinneetti Beeksifteetti.
Ministirri Muummee Itti Aanaafi Ministirri Dhimma Alaa Taayilaandi, Sihaasaak Fahaangikeewu, waltajjicharratti haaswaaa taasisaniin, Taayilaandi hariiroo bal’aa Afrikaa waliin qabdu gara tumsa tarsiimawaa sadarkaa olaanaatti guddisuuf sirna tumsa haaraa beeksisuu ibsaniiru.
Ministirichi daawwannaa hojii taasisan keessatti biyyootni ijoo daawwatan keessaa Itoophiyaa fi Naayijeeriyaa ta’uu ibsaniiru.
Sirni tumsa haaraan kun dhimmoota ijoo 4 irratti kan hundaa’e yoo ta’u, keessumaa Gamtaa Afrikaa (AU) fi Hawaasa Diinagdee Biyyoota Lixa Afrikaa (ECOWAS) waliin tumsa dhaabbilee gidduutti jiru caalmaatti cimsuuf kan xiyyeeffatedha.
Dabalataanis, Naannawaa Daldalaa Bilisaa Afrikaa (AfCFTA) fi Waldaa Biyyoota Kibba Baha Eeshiyaa (ASEAN) gidduutti riqicha diinagdee cimaa uumuuf kan karoorfamedha.
Kaayyoo kana galmaan ga’uufis, ergamni daldalaa Taayilaandi Finfinneetti bakka bu’oota mootummaafi damee dhuunfaa Itoophiyaa waliin wal arguun, hariiroofi walitti dhufeenya hawaasa daldalaa biyyoota lamaanii cimsuuf marii ni gaggeessa jedhameera.
Gama biraatiin, Taayilaandi tumsa Kibba-Kibbaa (South-South Cooperation) cimsuuf sagantaa hojii haaraa waggoota sadiif hojiirra oolu beeksifteetti.
Sagantaan kun baajata Doolaara Ameerikaa Miliyoona 3 kan gaafatu yoo tahu irra caalaa qonna, wabii nyaataa fi ce’umsa teeknooloojii irratti xiyyeeffata.
Akkasumas, biyyoota adda addaa Afrikaatti giddu galoota leenjii qonnaa hundeessuuf kan oolu ta’uu ibsameera.
Taayilaandi bara 2028’tti Pirezidaantummaa Waldaa Biyyoota Kibba Baha Eeshiyaa (ASEAN) kan fudhattu yoo ta’u, yeroo sanatti ASEAN fi Gamtaa Afrikaa gidduutti tumsa damee hedduu jiru cimsuuf akka hojjetamu himameera.
Ministirri Muummee Itti Aanaafi Ministirri Dhimma Alaa Taayilaandi, Sihaasaak Fahaangikeewu haasawaa taasisaniin keessumaa wabii nyaataa mirkaneessuu fi anniisaa dabalatee ce’umsa dijitaalaa caalmaatti cimsuuf akka hojjetamu mirkaneessaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#