Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen Ministira Muummee Itti aanaa Taayilaand waliin mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen Ministira Muummee Itti aanaa Taayilaand waliin mari’atan
Hagayya 22/ 2018 (ENA)- Pireezidaantiin RDFI Taayyee Atsiqasillaaseen Ministira Muummee Itti aanaafi Ministira Dhimma Alaa Taayilaand Siihaasaak Fuuwaangikeetkiyaawu waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin hariiroo gamlamee biyyoota lameenii guddachaa dhufe gara sadarkaa olaanaatti ceesisuun haala danda’amu irratti mari’achuun ibsameera.
Ministira Muummee Itti aanaafi Ministirri Dhimma Alaa Taayilaand Siihaasaak Fuuwaangikeetkiyaawu daawwannaa hojii fi Inisheetiivii Taayilaand- Afrikaa jalqabsiisuuf guyyaa har’aa Finfinnee galaniiru.