Tamsaasa Kallatti:

Masriin Itoophiyaaf gatii malu kaffaluu qabdi - Ambaasaaddar Shifarraaa Jaarsoo

Hagayya 22/2018 (ENA): Ministirri Qabeenya Bishaanii duraanii Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoo akka jedhanitti, Masriin qabeenya bishaan laga Abbayyaa keessaa harka 86 qooda Itoophiyaaf gatii malu kaffaluu qabdi.

Ityoophiyaan laga Abbayyaa fi laga gurguddoo biroo irratti hidha jallisii ijaaruun birmadummaa nyaataa waliigalaa mirkaneessuuf oomishtummaa qonnaa saffisiisuu akka qabdus Ambaasaaddar Shifarraan hubachiisaniiru.

Itiyoophiyaan sababa shira Masriitiin qabeenya uumamaa ishee jaarraa hedduuf osoo itti hin fayyadamiin turuu eeruun, Itoophiyaanonni shira sana cabsanii Hidha Haaromsa Itooohiyaa guddicha laga Abbayyaa irratti ijaaruun tokkummaa isaanii agarsiisaniiru jedhan.

Yeroo ammaa kana humni ibsaa Hidha Haaromsa Guddichaa maddisiisu biyya qaxxaamuree eebba diinagdee naannoo uumuu danda’eera jedhan.

Walitti hidhamiinsi anniisaa naannoo Hidha Haaromsa Guddichaan uumamees akka mallattoo ida’amuu dinagdee ardiilee mul’ata Itoophiyaan misooma waliinii Afrikaa ifatti ibse ta’ee galmaa’ee jira.

Akka Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoo, Ministirri Bishaanii Itoophiyaa duraanii, ENA waliin turtii taasisaniin himanitti; Itiyoophiyaan imaammata Masrii yeroo dheeraaf laga Abbayyaa to’achuu irraa kan ka’e laga Abbayyaatti fayyadamaa hin turre.

Masriin yeroo dheeraaf diinummaa Itiyoophiyaa irratti babal’isaa akka turte eeranii; kanaanis Itiyoophiyaan bishaan Abbayyaatti fayyadamuu dhiisuun waggoota dabarsitee jirti jedhan.

Kanumaan walqabatee Itiyoophiyaanonni Hidha Haaromsa Guddaa, madda humna elektiriikaa idil-addunyaa guddaa ta’e, hafuura tokkummaa biyyaalessaa fi Paan-Afrikaanummaatiin dhugoomsuu isaanii ibsaniiru.

Hidhi Haaromsaa Guddichi hambaa seena qabeessa ta’ee, dandeettii Itiyoophiyaan waltajjii addunyaa irratti galmaan ga’uu agarsiise ta’uu hubachiisuun; biyyoota yaa’a gadiitti yaa’a bishaanii amanamaa ta’e kennuudhaan balaa lolaa fi gogiinsa hir’isaa jira jedhan.

Walitti hidhamiinsi anniisaa Itiyoophiyaan Jibuutii, Keeniyaa, Sudaan fi biyyoota naannichaa biroo waliin uumtes ida’amuu dinagdee naannoo fi ardiilee saffisiisuuf gumaacha olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan laga Abbayyaa dabalatee laggeen daangaa ce’an biroo irratti hidha dabalataa ijaaruun humna ibsaa fi jallisii ishee daran guddisuu akka qabdu Ambaasaaddar Shifarraan hubachiisaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015