Abbummaan Hulaa Galaanaa Itiyoophiyaa dhimma seera qabeessaa fi lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’ee tumsa naannawaa fi badhaadhina waloo mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffatedha - ENA Afaan Oromoo
Abbummaan Hulaa Galaanaa Itiyoophiyaa dhimma seera qabeessaa fi lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’ee tumsa naannawaa fi badhaadhina waloo mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffatedha
Hagayya 22/2018 (ENA): Abbummaan Hulaa Galaanaa Itiyoophiyaa dhimma seera qabeessaa fi lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’ee tumsa naannawaa fi badhaadhina waloo mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu itti aanaan dura taa’aa koree dhaabbii hariiroo alaa fi dhimma nageenyaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Faatihii Mahiidii (PhD) himani.
Hulaa Galaanaa dhimma jiruu fi nageenya Itiyoophiyaa, guddina dinagdee, akkasumas tumsa daldalaa naannoo fi idil-addunyaatiif iddoo guddaa qabudha.
Itiyoophiyaan guddina diinagdee fi baay’ina ummataa saffisaa ta’e ilaalcha keessa galchuun, biyyattiin abbummaa seenaa, uumamaa, teessuma lafaa fi seera qabeessa buufata galaanaa irratti qabdu waliin walitti araarsuuf dhimma yeroon kennamuu qabu miti jedhan.
Gaaffiin tarsiimoo abbummaa buufata galaanaa kun nageenyaa fi tasgabbii naannawaa tumsa irratti hundaa’e eeguun guddinaa fi badhaadhina waliinii fidu haala mijeessuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.
Akka qorannoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti biyyoonni Galaanaan hin marfamne biyyoota buufata galaanaa irraa fayyadamoo ta’an waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu garaagarummaan oomisha waliigalaa biyya keessaa hanga dhibbeentaa 25 akka mudatu eeraniiru.
Daldalli Itiyoophiyaa galtee fi al-ergii keessaa dhibbeentaan 95 karaa buufata doonii tokkoon kan gaggeeffamu yoo ta’u, kunis maallaqa biyya alaa pirojektoota misoomaa biroof oolu danda’us kan dhangalaasu ta’uu ibsaniiru.
Kunis sirna daldala addunyaa keessatti dorgomtummaa galtee fi al-ergii hir’isuun industirii, invastimantii fi nageenya lammiilee irratti dhiibbaa guddaa geessisaa akka jiru ibsaniiru.
Itiyoophiyaan buufata Galaanaa mataashee qabdu turte karaa seeraan alaa dhabde seera idil addunyaan deeffachuu qabdi jedhan. Kanas seerri idl addunyaa kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.
Konveenshiniin Seera Galaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi seerotni isaa tumaalee fi bu’uuraalee mirga biyyoonni Galaanaan hin marfamne hulaa galaanaa itti fayyadamuu deeggaran akka qaban eeraniiru.