Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa magaalaa Chaayinaa Cheenduutti balallii Kaargoo haaraa eegalchiiseera - ENA Afaan Oromoo
Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa magaalaa Chaayinaa Cheenduutti balallii Kaargoo haaraa eegalchiiseera
Hagayya 22/ 2018 (ENA)- Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa magaalaa Chaayinaa, Cheenduutti guyyaa har’aa balallii Kaargoo haaraa eegalchiisuusaa beeksise.
Balalliin Kaargoo har’a eegalame kun Lixa Chaayinaa fi Afriikaa jidduutti toora geejjiba Kaargoo haaraa kan bane ta’uu beeksiseera.
Tajaajilli kun walitti hidhaminsa daldalaa fi dinagdee lixa Chaayinaa fi Afriikaa jidduu jiru kan cimsuu fi kan deeggaru ta’uu daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa beeksiseera.