Naannoo Oromiyaatti baay’ina turistii dabaluuf hojiin hojjetame galii damee kanarraa argamu dabaluuf gargaareera - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti baay’ina turistii dabaluuf hojiin hojjetame galii damee kanarraa argamu dabaluuf gargaareera
Hagayya 22/2018 (ENA)- Naannoo Oromiyaatti baay’ina turistii dabaluuf hojiin hojjetame galii damee kanarraa argamu dabalaa akka jiru biiroon bosonaa fi beellada bosonaa naannichaa beeksise.
Hojii raawwachiisaan olaanaa dhaabbata bosonaa fi bineensota bosonaa Oromiyaa Araarsaa Raggaasaa turtii ENA waliin taasisaniin, waggoottan muraasa dura qabeenya bosonaa misoomsuudhaan eegumsa naannoof xiyyeeffannoo olaanaa kennuun gamatti hawata turizimii fi madda qabeenyaa gochuun akka danda’ame ibsaniiru.
Eegumsa qabeenya uumamaa taasifameen bosonni waan dabaleef nageenyi beellada bosonaa akka eegamuu fi kan baqatanii turan akka deebi’anii fi caalaatti akka baay’atan carraan uumameera jedhan.
Akka Kanaan beelladni bosonaa fi simbirroowwan hawatoon turizimii hawataa waan dhufaniif galiin gaariin argamaa akka jiru ibsaniiru.
Misoomni gama Kanaan hojjetamaa jiru dacheen akka haaromu gochaa jiraachuun olitti, xiyyeeffannoo turistoota biyya keessaa fi alaa hawataa gochaa jiraachuu dubbataniiru.
Qabeenya uumamaa paarkota biyyaalessaa naannicha keessatti argaman kunuunsuun cinaatti bakkeewwan adamoo seera qabeessa ta’an adda baasuun madda galii akka ta’an gochuun danda’ameera jedhan.
Beelladoota bosonaa dulloomanii fi miidhaan irra gahe adda baasuun kunuunsi taasifamaafii jiraachuu ibsaniiru.