Itoophiyaan gurgurtaa humna elektirikii biyyoota alaaf dhiyeessite irraa galii doolaara miiliyoona 475.7 argachuu Injiinar Ashabbir Baalchaa beeksisan. - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaan gurgurtaa humna elektirikii biyyoota alaaf dhiyeessite irraa galii doolaara miiliyoona 475.7 argachuu Injiinar Ashabbir Baalchaa beeksisan.
Hagayya 22/2018 (ENA)- Itoophiyaan gurgurtaa humna elektirikii biyyoota alaaf dhiyeessite irraa doolaara miiliyoona 475.7 argachuu ishee, Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbata Humna Elektirikii Itoophiyaa, Injiinar Ashabbir Baalchaa beeksisan.
Injiinar Aashbabir Baalchaa raawwii hojii Dhaabbata Humna Elektirikii Itoophiyaa bara bajataa 2018 fi kallattiiwwan xiyyeeffannoo bara 2019 ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Akka ibsa isaanitti, Dhaabbanni Humna Elektirikii Itoophiyaa bara bajataa 2018 keessatti, bara bajataa darbe waliin yoo madaalamu, guddina dhibbeentaa 23 galmeessuun, dandeettii humna maddisiisuu isaa gara Meeggaa Waatii kuma 9 fi 730tti guddisuu danda’eera.
Haaluma kanaan, bara bajataa kana keessatti waliigalaan galii birri Biiliyoona 124.2 argamsiisuu fi Birrii Biiliyoona 39.5 bu’aa qulqulluu galmeessuu danda’eera.
Bara baajataa 2018tti raawwiin karooraa walii galaa dhibbeentaa 101.83 ta’e, seenaa dhaabbatichaa keessatti yeroo jalqabaaf milkaa’a galma’ee ta’uu isaa ibsaniiru.
Gurgurtaa humna elektirikii biyyoota alaattif dhiyaate irraa galiin doolaara Ameerikaa miiliyoona 475.7 argamuu isaa ibsanii; yeroo walfakkaataa bara darbee waliin yoo madaalamu, galiin kun dhibbeentaa 25n caalmaa qabaachuu himaniiru.
Bara baajataa kana keessatti humna elektirikii maddee keessaa, humni annisaa bishaan irra madde dhibbeentaa 97 qooda akka qabu ibsaniiru.
Fuuldurattis, pirojektoota Gannaalee Daawaa 6ffaa kan humna bishaanii irra maddu, Aayishaa 2ffaa kan humna qilleensaa fi pirojektii humna aduu meggaa-waatii 100 kan maddu maallaqa biyya keessattin ijaaraman jalqabsiisuuf karoora qabaachuu beeksisaniiru.
Dabalataanis, pirojektiin humna qilleensaa Aayishaa guutummaatti xumuramee, humna meggaa-waatii 40 oomishuuf akka eegamu beeksisaniiru.