Itti aanaan ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Taayilaandi daawwannaa hojiif Finfinnee dhufan - ENA Afaan Oromoo
Itti aanaan ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Taayilaandi daawwannaa hojiif Finfinnee dhufan
Hagayya 22/2018 (ENA)- Itti aanaan ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Taayilaandi Siihasaak Fuwangiketkiyawu daawwannaa hojii fi “Inisheetivii Taayilandi-Afriikaa” seena qabeessa ta’e eegalchiisuuf Finfinnee dhufaniiru.
De’eetaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Biraanuu Tsaggaayee buufata xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti argamuun ministiricha simataniiru.
Itti aanaan ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Taayilaandi Siihasaak Fuwangiketkiyawu turtii Finfinneetti taasisaniin hariiroo biyyoota lamaanii ilaalchisuun hooggantoota mootummaa olaanoo waliin akka mari’atan ibsameera.
Daawwannaan kun hariiroo gamlamee Itiyoophiyaa fi Taayilaandi jidduutti guddachaa dhufe sadarkaa caalaatti kan ceesisuu fi tumsa Afriikaa-Taayilaandi kan cimsu boqonnaa haaraa ta’uusaa odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame ni mul’isa.