Manneen barnootaa idileen duraa babal’isuun cimee itti ni fufa-Ministeera barnootaa - ENA Afaan Oromoo
Manneen barnootaa idileen duraa babal’isuun cimee itti ni fufa-Ministeera barnootaa
Hagayya 21/2018 (ENA)-Hojiileen maa barumsaa idileen duraarratti hojjetaman barattoonni gamanuma bu’a qabeessa ta’anii akka itti fufan ni taasisa jechuun ibsan de’eetaan ministira barnootaa Ayyalach Isheetee.
Ministeerri barnootaa sagantaa tajaajila tola ooltummaa gannaa ittiin eegalchiise godina Buunnoo Beeddeellee aanaa Gachiitti gaggeesseera.
Ministeera barnootaatti de’eetaan ministiraa damee misooma barnoota walii galaa Ayyalach Isheetee, de’eetaan ministiraa damee misooma barnoota olaanaa obbo Korraa Xushunee, hogganaan biiroo barnoota Oromiyaa Dr.Tolaa Bariisoo, akkasumas itti gaafatamtoonni godinaa fi aanaa sagantaa kanarratti argamaniiru.
Ministeera barnootaatti de’eetaan ministiraa damee misooma barnoota walii galaa Ayyalach Isheetee wayita kana akka jedhanitti, tajaajila tola ooltummaa fi sagantaalee idilee birootiin hojiin mana barumsaa idileen duraa babal’isuun raawwatamaa jira.
Barnoota idileen duraarratti hojjechuun barattoonni bu’a qabeessa akka ta’an waan taasisuuf, maneen barnootaa ijaaruunii fi meeshaalee barnootaa guutuudhaan hojiileen hojjetaman cimanii itti ni fufu jedhaniiru.
Hogganaan biiroo barnoota Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo gamasaaniin, naannichatti qulqullina barnootaa eegsisuuf barsiisota maneen barnootaa idilee keessatti barsiisan kuma 5 leenji’aa jiru jedhaniiru.
Kana malees hanqina kitaabaa naannicha keessatti mul’atu furuuf barattiita idileen duraa miiliyoona 16 caalaniif kitaaba raabsuuf qophiin taasifamu dubbataniiru.
Bulchaan godina Buunnoo Beeddeellee obbo Amaan Danuu gamasaaniin, mootummaan qulqullina barnootaa eegsisuuf kallattii qabate milkeessuuf godinichatti barattoota ga’oomsuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Godinichatti Waggoottan jahan darban maneen barnootaa 540 hojjetamuusaanii eeranii, ijoolleen kuma 46 caalan maneen barnoota kana keessatti carraa barumsaa argachuusaanii ibsaniiru.
Guyyaa har’aa aanaalee godinna Buunnoo Beeddeelleetti maneen barnootaa idileen duraa sadii sagantaa tajaajila tola ooltummaan ijaaruuf dhakaan bu’uraa kaa’ameera.
Kana cinaattis barattoota kuma 1’f deeggarsi meeshaalee barnootaa taasifameera.