Tamsaasa Kallatti:

Bulchiinsa Magaalaa Shaggar kutaa Maagaalaa Sabbataatti sagantaan Goobee fi Shinooyyee gaggeefame

Hagayya 21/2018 (ENA) : Bulchiinsa Magaalaa shaggar kutaa magaalaa Sabbataatti Sagantaan goobee fi Shinooyyee gaggeeffameera.


Sagantaa Shinooyyee fi Goobee kutaa magaalsa sabbataatti gaggeefamerratti Itti gaafatamaa waajjiira Paartii Badhaadhinaa damee magaalaa Shaggar obbo Alamaayyoo Tulluu, Itti Gaafatamtuu Waajjira Aadaafi Turizimii Magaalaa Shaggar Aadde Roozaa Mohaammadfi Bulchaan Kutaa Magaalaa Sabbataa Obbo Ashannaafii Camadaa tapha Goobeefi Shinooyyee har'a kutaa magaalichatti calqabe irratti argamaniiru.


 

Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitti Aadaa, Duudhaa, Seenaafi eenyummaan uummata Oromoo ganamaa dagaagsuuf xiyyeeffannoon hojjetaaa jira.

Cabinsa gama aadaa, duudhaa,fi seenaa ummataa keenyaa mudate maqsuuf hojii hojjetameenis Hawaasni bal'aan,dargaggoonni, qeerroo fi qarree akkasumas Abbootii Gadaafi Haadholiin siinqee eenyummaa isaanii ganamaatti deebi'uun magaalaa Shaggar yaadama ammayyummaa jaarraa 21ffaan ijaaramaa jirtuuf simboo dabalataa ta'uun ibsameera.

Tapha Goobeefi Shinooyyee bara kana Magaalaa Shaggariitti gaggeeffamuuf kutaalee magaalaa garaagaraa keessatti qophiin agarsiisa aadichaa ibsuun faayamee gaggeeffameera.

Haaluma Kanaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Sabbataatti Agarsiisni Tapha Goobeefi Shinooyyee guyyaa har'aa bifa hawwataa ta'een bakka hoggantootni sadarkaa Magaalaa, Kutaa magaalaafi qeerroo, qarreefi hawaasni argamaniitti gaggeefameera.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015