Tajaajilli tola ooltummaa gannaa aadaa wal deeggarsaa guddisaa jira-Pirezidaanti Ordiin Badrii - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli tola ooltummaa gannaa aadaa wal deeggarsaa guddisaa jira-Pirezidaanti Ordiin Badrii
Hagayya 21/2018 (ENA)- Naannoo Harariitti tajaajilli tola ooltummaa gannaa hariiroo wal jidduutti taasifamu cimsuudhaan aadaa wal deeggarsaa guddisaa jiraachuu Pirezidaantiin naannichaa Ordiin Badrii ibsan.
Deeggarsi meeshaa barnootaa qama tajaajila tola ooltummaa gannaa bara 2018 naannichaa har’a gaggeeffameera.
Pirezidaantiin naannichaa obbo Ordiin Badrii wayita kana akka jedhanitti, barana naannichatti tajaajiloonni tola ooltummaa gannaa dameelee 14’n raawwatamaa jiru.
Haala Kanaan biqiltuu dhaabuun, dhiiga arjoomuun, maaddii qooduunii fi kanneen birootiin hojii hojjetameen bu’aan quubsaan argamuusaa ibsaniiru.
Ijaarsa mana jireenyaa dadhbootaaf hojjetamaa jiru yeroo dhihootti xumuruun fayyadamtootaaf kennuuf tumsamaa akka jiru dubbataniiru.
Deeggarsi meeshaa barnootaa kun barattoonni hanqina meeshaa barnootaan barumsa akka hin dhaabne gochuurra darbee bu’aa gama barnootaan argamaa jiru sadarkaa olaanaatti kan guddisudha jedhaniiru.
Tajaajilli tola ooltummaa gannaa hariiroo waliinii cimsuudhaan waldeeggarsaa fi wal gargaarsa agarsiisaa akka jiru kan dubbatan pirezidaantichi, hojiin kun cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Hoggantuun biiroo dubartootaa,daa’immanii fi dargaggootaa naannichaa adde Ramziyaa Abdulwahib gamasaaniin, barattoonni hanqina meeshaa barnootaan barumsa akka hin dhaabne hojiin deeggarsa walitti qabuu gaggeeffamuusaa eeraniiru.
Hojii tola ooltummaa Kanaan dabtara, qalama, borsaa fi meeshaalee barnootaa biroo walitti qabamuu ibsaniiru.
Guyyaa har’aa barattoota naannichaa magaalaa fi baadiyyaa kuma 6 ta’aniif meeshaan barnootaa kennamuusaa himanii, fuulduras barattoota kuma 3 ta’aniif deeggarsa taasisuuf karoorfamuusaa dubbataniiru.
Dureeyyiin, dhaabbileen dhuunfaa fi mootummaa akkasumas qooda fudhattoonni biroon deeggarsa kanarratti hirmaachuusaanii ibsaniiru.