Caasaan nageenyaa ummata waliin qindoomee hojjechuusaatiin shira baadaa keessaa fi baandaa alaa fashaleesseera-Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el - ENA Afaan Oromoo
Caasaan nageenyaa ummata waliin qindoomee hojjechuusaatiin shira baadaa keessaa fi baandaa alaa fashaleesseera-Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el
Hagayya 21/2018 (ENA)- Caasaan nageenyaa ummata waliin qindoomee hojjechuusaatiin shira baadaa keessaa fi baandaa alaa fashaleessuun akka danda’ame Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el ibsan.
Waltajjiina nageenyaa waloo komishinaroota poolisii Itiyoophiyaa fi hoggantoota nagaa fi tasgabbii gaggeeffamaa jira.
Komishinar jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el wayita kana akka jedhanitti, caasaan nageenyaa ummata waliin qindoomee hojjechuusaatiin bu’aaleen nageenya cimsan argamaniiru.
Filannoon biyyaalessaa torbaffaan nagana akka gaggeeffamu, raayyaan poolisii, hoggantoonni bulchiinsaa fi nageenyaa, milishoonni, raayyaan ittisa biyyaa sadarkaan jiru waloomaan karoorsuun hojjechuusaaniitiin filannoon akka biyyattis ta’e sadarkaa addunyaatti fakkeenya ta’e karaa nagaa gaggeeffamuusaa dubbataniiru.
Diinonni biyya keessaa fi biyya alaa Itiyoophiyaan rakkoo keessa akka turtu nagaashee booressuuf barbaadan walitti dhufuun shira hedduu akka karoorsan kan dubbatan komishinar Jeneraal Dammallaash, shiroota kana sadarkaa hundatti lubbuusaaniillee aarsaa gochuunii fi shira kana fashaleessuudhaan, nagaa fi tasgabbii biyyaa eegsisuun sadarkaa har’a irra gahameef hojjetamuusaa dubbataniiru.
Waltajjichi fuulduratti daba diinonni Itiyoophiyaa nagaa fi tasgabbii gufachiisuuf baandota biyya keessaa fi biyya alaa waliin walitti dhufanii hojjetan hunda fashaleessuuf, raayyaan ammallee qophii ta’uusaa kan itti mirkaneessuu fi ergama fuulduraaf kan itti of qopheessudha jedhaniiru.
Itiyoophiyaan bakka gahumsa turistootaa ta’uurra darbee biyya taateewwan Ardii fi idil addunyaa gurguddoon keessatti gaggeeffamu akka taate kaasaniiru.
Taateewwan kunneen rakkoo nageenyaa tokko malee akka gaggeeffaman raayyaan poolisii qaamolee nageenyaa biro waliin ta’uun ta’uun hojiilee gurguddoo hojjechaa akka jiru dabalanii ibsaniiru.
Taateewwan biyyaalessaa fuulduraaf gaggeeffamaniif waliin mari’achuun, waliin karoorsuunii fi daba diinaa fashaleessaanagaan akka gaggeeffaman gochuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Waltajjiin har’aas hojii hojjetameen muuxannoo argamanii fi hanqinoota mudatan adda baasuun ergama fuulduraatiif gamanumaa qophaa’uuf kan karoorfame ta’uu dubbataniiru.