Tamsaasa Kallatti:

“Ayyaanni saboota, Sab-lammootaafi Ummattoota Itiyoophiyaa walooma cimsa”- Obbo Aganyoo Tashaagar

Hagayya 21/2018(ENA): Ayyaanni saboota, Sab-lammootaafi Ummattoota Itiyoophiyaa walooma cimsa jedhan Af- Yaa'iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyoo Tashaagar.

Manni Maree Federeeshinii qophii kabaja guyyaa ayyyaanaa Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itiyoophiyaa 21ffaa Naannoo Oromiyaa Magaalaa Jimmaatti kabajamu ilaalchisee Jimmaatti mari’ataa jira.



Waltajjii kanarratti Af Yaa'iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa'adaa Abdurramaan, Ayyaanni saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itiyoophiyaa tokkummaafi walooma keenya cimsaa jedhan.
Ayyaana Sabootaa, Sablammootaafi Uummattoota Itiyoophiyaa marsaa 21ffaa kabajamuufis Naannoon Oromiyaa qophaa’aa jira.



Af- Yaa'iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyoo Tashaagar, Ayyaanni sabootaa, Sablammootaafi Uummatoota Itiyoophiyaa waliin jireenyaafi gamtaa sabaafi Sablammoota kan cimsu jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015