Hojiin tajaajila tola ooltummaa abdii lammiilee deebisuun dabalatatti rakkoo hawaasummaa fi diinagdee bu’a qabeessa ta’een furmaata kennaa jira- Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa - ENA Afaan Oromoo
Hojiin tajaajila tola ooltummaa abdii lammiilee deebisuun dabalatatti rakkoo hawaasummaa fi diinagdee bu’a qabeessa ta’een furmaata kennaa jira- Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa
Hagayya 21/2018 (ENA): Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa akka ibsetti hojiin tajaajila tola ooltummaa abdii lammiilee deebisee dammaqsuuf gargaaruu qofa osoo hin taane rakkoo hawaasummaa fi diinagdee bu’a qabeessa ta’een furmaata kennaa jiraachuu ibseera.
Biiroon kun ji’oota Gannaatti qooda fudhattoota sadarkaa sadarkaan jiran waliin ta’uun tajaajila tola ooltummaa bal’aa gaggeessaa jiraachuu ibseera.
Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa'immanii Oromiyaa Aadde Mabraat Baacaa ENAtti akka himanitti, tajaajilli tola ooltummaa abdii lammiilee deebisee dammaqsuuf gargaaruu qofa osoo hin taane rakkoo hawaasummaa fi dinagdee bu'a qabeessa ta'een furmaata kennaa tureera jedhani.
Ji’oota Gannaa keessa seektaroota sadarkaa sadarkaan jiran waliin qindoominaan hojjechuun manneen haaraa kuma 20 ijaaramuu fi manneen kuma 19 suphamuu isaanii biiroon kun ibseera.
Bifuma wal fakkaatuun daa’immanii fi dargaggoota miliyoona 3.7’f meeshaalee barnootaa godinaalee irraa eegalee karaa caasaa mootummaatiin dhiyeessuuf bifa qindoomina qabuun hojjechaa jiraachuu kan ibsan yoo ta’u kunis abbootii qabeenyaa fi kutaalee hawaasaa adda addaa waliin ta’uunkan raawwatame akka ta’e ibsani.
Bara kanas manneen 156,000 ol haaromfamuun fayyadamtootaaf dabarfamuu isaa itti gaafatamtuun kuni himaniiru.
Waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa'immanii Godina Baalee Aadde Roobdaa Jaarsoo gama isaaniin, yeroo Gannaa tajaajila tola ooltummaa Godinicha keessatti raawwatamee namoota harka qalleeyyii fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa jira jedhan.
Keessattuu barattoonni umuriin isaanii barnootaaf gahe sababa meeshaalee barnootaa bitachuu dadhabuun barumsa akka adda hin kunneef meeshaaleen barnootaa barattoota kanneeniif kennamaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojii tajaajila tola ooltummaa yeroo Gannaa Godinicha keessatti hojjetamaniin manneen haaraa 542 ijaaramuu, manneen 698 suphamuu isaanii eeraniiru.
Itti Gaafatamtuun Waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa'immanii Magaalaa Jimmaa Aadde Caaltuu Awal akka himanitti, ji'oota Gannaa keessa hojii tajaajila tola ooltummaa gosa 12’n caalaalee sadarkaa adda addaan jiraniin raawwachaa jirra jedhani.
Barattoonni meeshaalee barnootaa keessumaa dabtara, yuunifoormii fi boorsaa barattootaaf deeggarsi taasifameera jedhan Hoggantuu kun. Kan biraan Manneen kuma 5 fi 500 suphamuu fi haaromfamuun hojjetamaa jira jedhan.
Kana malees, haadholii rakkoof saaxilamoo ta’aniif saawwan aannanii, hoolaa, re’ootaa fi lukkuuleen kennamuu ibsaniiru.
Itti Gaafatamtuun Waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa'immanii Godina Wallagga Bahaa Aadde Almaaz Moosisaa akka himanitti, haadholii maanguddootaa fi lammiilee rakkoof saaxilamoo Godinicha keessa jiran suphaa manaa fi manneen haaromsuun hojjetamaa jira jedhani.
Akkasumas barattoota kuma 33 ta’aniif meeshaalee barnootaatiin deeggarsi taasifameera jedhan.