Tamsaasa Kallatti:

Galaanni Diimaan dantaa dinagdee fi tarsiimoo Itoophiyaati- Obbo Shimallis Hayiluu

Hagayya 21/2018(ENA):  Galaanni Diimaan dantaa dinagdee fi tarsiimoo Itoophiyaati Inistiitiyuutii Dhimma Alaatti Daarektarri Qorannoo Dhimmoota Awurooppaa fi Ameerikaa, Obbo Shimallis Hayiluun ibsan. 



Itoophiyaan biyya jabduu, of dandeessee fi nageenya waaraa qabdu ta'uuf dantaa ishee laga Abbayyaa fi Galaana Diimaa irratti karaa seeraa, dippiloomaasii fi walta'iinsa naannawaa cimsachuu qabdi jechuun Inistiitiyuutii Dhimma Alaatti Daarektarri Qorannoo Dhimmoota Awurooppaa fi Ameerikaa, obbo Shimallis Hayiluun ibsani.   


Obbo Shimallis, ENA waliin turtii taasisaniin, seenaa fi guddina Itoophiyaa keessatti Abbayyaa fi Galaanni Diimaan gahee olaanaa qabaachuu yaadachiisaniiru.

Akka isaan jedhanitti, qaroominoonni durii qonnaa, sirna jallisii fi bishaanota gurguddoo waliin walitti hidhata cimaa qabu.

“Guddinni hawaasaa fi qaroominoonni gurguddoon addunyaa bishaanii fi qonnaa waliin walqabatu,” jechuun kan ibsan obbo Shimallis, bishaan jireenya dhuunfaa qofaaf osoo hin taane, misooma, nageenyaa fi tasgabbii hawaasaa keessatti bu'uura ta'uu ibsaniiru.

Bara ammayyaa keessatti daldalli idil-addunyaa inni guddaan karaa Galaanaa raawwatama, Kanaaf, Itoophiyaan biyya qarqara Galaanaa hin qabne ta'us, daandiiwwan Galaanaa fi buufatawwan doonii naannoo ishee jiranitti fayyadamuun dantaa dinagdee fi tarsiimoo ishee eeguuf xiyyeeffannoo kennuu qabdi.

“Qarqara Galaanaa jechuun akka ujummoo dhiigaa dinagdee biyya tokkootti ilaalamuu danda'a,” jedhan.

Itoophiyaan oomisha ishee gara gabaa addunyaatti erguu fi meeshaalee barbaachisan alaa galchuu keessatti daandiiwwan Galaanaa irratti hirkattummaa qabaachuu eeranii, dhimma Galaanaa akka dhimma dinagdee, nageenyaa fi tarsiimoo biyyaalessaa ilaaluun barbaachisaa ta'uu ibsaniiru.

Obbo Shimallis akka ibsanitti, seenaa siyaasaa fi waraanaa Itoophiyaa keessatti walitti bu'iinsawwan biyyattii fi humnoota alaa gidduutti uumaman keessaa hedduun teessuma lafaa, daandiiwwan daldalaa fi bishaanota Abbayyaa fi Galaana Diimaa waliin hariiroo qabu.

Keessumaa bara koloneeffannaa Afrikaa keessatti humnoonni Awurooppaa Gaanfa Afrikaa fi daandiiwwan Galaanaa to'achuuf tattaaffii adda addaa taasisuu isaanii kaasanii, kunis nageenyaa fi birmadummaa Itoophiyaa irratti dhiibbaa uumuu yaalaa ture jedhan.

Waraana Adwaa fi waldhabdeen Itoophiyaa fi humnoota Awurooppaa gidduutti uumaman tokko tokko haala teessuma lafaa fi daandiiwwan daldalaa naannichaa waliin walitti hidhata qabaachuu ibsaniiru.

Kana irraa ka'uun, Itoophiyaan laga Abbayyaa irratti dantaa fi mirga misoomaa ishee karaa seeraa cimsachuu, akkasumas Galaana Diimaa keessatti dantaa dinagdee fi nageenyaa ishee karaa nagaa fi dippiloomaasii eeguu qabdi jedhan.

Daarektarichi muuxannoo Pirojektii Hidha Guddicha Haaromsaa Itoophiyaa fakkeenya guddaa ta'uu ibsaniiru.


 

Akka isaan jedhanitti, yeroo pirojektiin kun jalqabamu mormii fi falmiin hedduun ture. Haa ta'u malee, hirmaannaa mootummaa, uummataa, hayyootaa fi ogeeyyii Itoophiyaatiin pirojektiin kun sadarkaa har'a irra gaheera.  

Obbo Shimallis akka jedhanitti, muuxannoo Hidha Haaroomsa Guddicha Itoophiyaa irraa bu'aaleen gurguddoon akka argaman dubbataniiru.

Itoophiyaan pirojektii guddaa qabeenya ishee fi humna biyya keessaa fayyadamuun ijaaruu danda'uun dandeettii ishee fi ulfina ishee muuxannoo addunyaatti agarsiiseera jedhan.

Hidhi Giddichi Haaromsa Itoophiaa beekumsa, injinariingii, humna namaa fi hoggansa biyya keessaa fayyadamuun ijaaramuun dandeettii biyyattii mul'isa jedhan.

Humni ibsaa pirojektii kana irraa argamu biyyoota Gaanfa Afrikaa fi naannoo isaa waliin hariiroo dinagdee fi misoomaa cimsuuf carraa uumuu akka danda'u ibsaaniru.

Obbo Shimallis akka jedhanitti, muuxannoo hidha kanaa irraa barachuun Itoophiyaan dhimma Galaana Diimaa irrattis hojii qorannoo, marii fi dippiloomaasii jalqabamee itti fufsiisuu qabdi jedhan.

Itoophiyaan seenaa, teessuma lafaa fi hariiroo daldalaa isheetiin Galaana Diimaa waliin hariiroo dheeraa qabaachuu ibsanii, dantaa biyyattii karaa nagaa fi seera idil-addunyaatiin eeguun filannoo sirrii ta'uu dubbataniiru.

Akka isaan ibsanitti, “Galaanni Diimaa Itoophiyaaf maaliif barbaachisaa dha?” jedhu irratti qorannoo bal'aa gaggeessuun dhimma dinagdee qofa osoo hin taane nageenya, daldala, walitti hidhamiinsa naannawaa fi ji'oo-poolotiksii waliin walqabatee ilaalamuu qaba.

Inistiitiyuutichi dhimma kana irratti qorannoowwan gaggeessuu, barruulee maxxansuu fi mariiwwan saayinsaawaa qopheessuu irratti hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Dabalataan, waggaa waggaadhaan dhimma Galaana Diimaa fi Galoo Galaanaa Eedan irratti Yaa’iiwwan idil-addunyaa qopheessuun, biyyoota naannichaa, hayyoota, qorattootaa fi dippilomaatoonni irratti mari'atan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Daarektarichi hojii Inistiitiyuutii Dhimma Alaa keessaa inni guddaan qorannoo gaggeessuu fi bu'aa qorannoo qaamolee dhimmi ilaallatuuf dabarsuu ta'uu ibsaniiru.

Keessumaa dhimma Galaana Diimaa fi Galoo Galaanaa Eedan irratti qorannoowwan hedduun gaggeeffamaa jiraachuu himanii, dhimichi akka ajandaa tarsiimoo biyyaalessaa ilaalamuuf Ragaawwan, barruulee fi qorannoowwan garaagaraa qophaa'aa jiraachuu ibsaniiru.

Akka isaan jedhanitti, biyyoonni biroo dhimma Abbayyaa irratti qorannoo fi beekumsa hedduu hojjachuun ilaalcha idil-addunyaa irratti dhiibbaa uumuu danda'aniiru.

Kana irraa barachuun, Itoophiyaanis dhimma Galaana Diimaa irratti beekumsa ishee cimsachuu fi ilaalcha ishee ragaa fi qorannoo irratti hundaa'een addunyaaf ibsachuu qabdi jedhan.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015