Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti hojiin Tajaajilli Lammummaa Gannaa itti fufee jira - ENA Afaan Oromoo
Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti hojiin Tajaajilli Lammummaa Gannaa itti fufee jira
Hagayya 20/2018 (ENA): Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti hojiin Tajaajilli Lammummaa Gannaa dhaadannoo "Gaarummaa olka'insa Biyyaaf!" jedhuun itti fufinsaan hojjetamaa jira.
Haaluma kanaan Aanaa Horrootti tajaajila Lammummaa Gannaatiin namoota humnaa fi deeggarsa hin qabnee akkasumas qaama miidhamtootaaf qarshii miliyoona 3 oliin Uffata, daakuufi Zayitii Nyaataa, Lukkuu, Saawwanii fi baruullee fi qalama bituun deeggarsi taasifameera.
Namootni deeggarsi taasifameef tokko tokko akka jedhanitti gargaarsa taasifameefitti gammaduu himanii, gara fuula duraatti jiruuf jireenya isaanii fooyyeffachuuf carraaqqii cimaa kan godhan ta'uu himaniiru.
Aadaa wal gargaarsaa Uummanni Oromoo durii jalqabee asiin gahe sirnoomsuun kan rakkate waliin deeggaruun cimee akka itti fufuu fi badhaadhina waloo mirkaneessuuf hojiin hojjetamu cimee kan itti fufu ta’uu Bulchaan Aanaa Horroo Obbo Sanyii Baqqalaa himaniiru.
Tajaajila Lammummaa kanaan hanga ammaatti gosa hojii garaa garaa qarshii Miliyoona 151 oliin lammiilee kuma 54 ol fayyadamoo taasisanii jiraachuus obbo Sanyiin dubbataniiru.
Horroo Guduruu Wallaggaatti tajaajila lammummaa gannaan nama gargaaruuf nama ta'uun qofti gahaa waan ta'eef aadaan inni qabu isa hin qabneef qoodee waliin jiraatu cimaa deemee jiraachuu fi fuula durattis kana ol akka hojjetamuu qabu itti gaafatamatuun Waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa'immanii Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aadde Dinqee Dhufeeraa dubbataniiru.
Waktii Gannaa kanas manni haadholii haaraa fi suphaan Aanaalee hunda keessatti hojjetamaa jiraachuu cinaatti dinagdee dubartooraa cimsuuf hojiin gaariin hojjetamaa jiraachuus himaniiru.
Bulchaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa obbo Mirreessaa Fiixee kenninsi tajaajilaa hojjetamaa jiru lammiilee hedduutti abdii horee jiraachuu himanii Oromoon duudhaa wal utubuu isaa cimsee yoo itti fufe Badhaadhinni waloo akka mirkanaa'u shakkiin hin jiru jedhaniiru.
Tajaajilli Lammummaa Waggoota jijjiiramni itti argamee as hojjetameen mana harka qalleeyyii haaraa ijaaruu fi suphuu dabalatee gosoota hojii garaa garaa bajata Mootummaa malee hirmaannaa hawaasaan cimee hojjetamaa jiras jedhaniiru.