Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee Ambaasaaddara Kooriyaa Kibbaa yeroo hojii saanii xumuran gaggeessan - ENA Afaan Oromoo
Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee Ambaasaaddara Kooriyaa Kibbaa yeroo hojii saanii xumuran gaggeessan
Hagayya 20/2018 (ENA): Pirezidaantiin Rippaabilika Dimokirataawaa Federaalaa Itoophiyaa Taayyee Atsqasillaasee Itoophiyaatti Ambaasaaddara Kooriyaa Kibbaa yeroo hojii saanii xumuran Jaangi Kaangi gaggeessaniiru.
Sirna gaggeessaa Masaraa Mootummaa Biyyaalessatti raawwatame irratti Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Kooriyaa Kibbaa argaman Jaangi Kaangi akka jedhanitti, hariiroon Itoophiyaa fi Kooriyaa Kibbaa hundee seenaa cimaa irratti kan ijaarameta’uu ibsaniiru.
Hariiroon gam-lameee biyyoota lamaan gidduu jiru dhimmoota tarsiimowaa irratti guddachaa dhufuu isaa ibsaniiru.
Keessattuu daawwannaa sadarkaa hoggantoota ol-aanaatti taasifamuun, walta'insa dinagdeetiin fi hariiroo ummataa fi ummataatiin guddinni jajjabeessaan galmeeffamuu isaa dubbataniiru.
Waggottan Itoophiyaa keessa turanitti hariiroo biyyoota lamaanii gara sadarkaa ol-aanaatti ceessisuuf shoora olanaa taphachuu isaas ambaasaaddarichi ibsaniiru.
Gara fuulduraattis hariiroo daldalaa biyyoota lamaan gidduu jiru guddisuuf, hirmaannaa dinagdee fi investimantii dhaabbilee Kooriyaa Kibbaa Itoophiyaa keessatti qaban cimsuun akka barbaachisu eeraniiru.
Dabalataanis hariiroo ummataa fi ummataa akkasumas jijjiirraa aadaa ummatoota lamaan gidduu jiru caalaatti cimsuun akka barbaachisu ambaasaaddarichi ibsaniiru.
Michummaa seenaa qabeessaa fi cimaan biyyoota lamaan gidduu jiru gara fuulduraattis cimee akkaittifufu abdii qabaachuu saanii ibsuun, yeroo gaarii Itoophiyaa keessatti dabarsaniif galateeffataniiru.