Tamsaasa Kallatti:

Itoophiyaan ce’umsa Damee qonnaa bu'aa qabeessa taasisuu irratti hojii biyyoota Afriikaatiif fakkeenya ta'u raawwatteetti

Hagayya 20/2018 (ENA); Itiyoophiyaan damee qonnaan omishaa fi Omishtummaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf hojiilee hojjechaa jirtuun biyyoota Afrikaaf fakkeenya ta’uushee Hoggantoonni Olaanoo dhaabbilee Ardii Afrikaa ibsan.

Ogeessi sagantaa qonnaa fi ce’umsa baadiyyaa Ejensii Misooma Gamtaa Afrikaa, Kileemant Adijorlooloo, ENA’f akka ibsanitti, biyyoonni Afrikaa sirna nyaataa isaanii cimsachuu fi fedhii uummata isaanii dandeettii ofii isaaniitiin guutuuf waliin hojjechuu qabu jedhaniiru.

Fedhii uummataa ardichaa saffisaan dabalaa jiru dandeettii ofii isaaniitiin guutuu fi sirna nyaataa cimaa ijaaruuf muuxannoo Itoophiyaa irraa qooddachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Kana malees, oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuu qofa osoo hin taane, sirna daldalaa fi walitti hidhamiinsa damee qonnaa cimsuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Nyaataan of danda’uu fi oomishtummaa guddisuuf hojiiwwan faayidaa qonnaan bultootaa mirkaneessan murteessaa ta’uu isaaniis ibsaniiru.

Itoophiyaan damee kana keessatti hojiiwwan hojjettee fi bu’aawwan galmeessite biyyoonni biroon muuxannoo irraa akka qooddatanis hubachiisaniiru.

Itoophiyaan qamadii bal’inaan oomishuun, fedhii biyya keessaa guutuu bira darbee gara gabaa alaaf dhiyeessuu eegaluu ishee, oomisha qonnaa biyya keessaa guddisuun faayidaa akkamii akka qabu agarsiisftudha jedhaniiru.

Akkasumas, Itoophiyaan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa (Green Legacy) keessatti qonnaa fi sirna nyaataa hojiiwwan eegumsa naannoo fi jijjiirama qilleensaa dandamachuu waliin walitti hidhuun hojii bu’a qabeessa hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa hawaasa fayyadamaa taasisaa, akkasumas hojiiwwan eegumsa naannoo Sadarkaa Ardii irratti gaggeeffamaniif gumaacha taasisaa jiraachuu kaasaniiru.

Daayirektarri Kutaa Qorannoo tarsiimoo Naannawaa fi Sirna Deeggarsa Beekumsaa Ajandaa 2063 Pool Guutigaa gama isaaniin, jijjiiramni qonnaa Itoophiyaa biyyoota Riijinichaatiif barumsa ta’uu akka danda’u ibsaniiru.

Itiyoophiyaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf, damee industirii cimsuuf, akkasumas galii qonnaan bultootaa guddisuuf hojiiwwan bu’a qabeessa hojjette, biyyoonni Afrikaa irraa fudhachuu qaban keessaa muuxannoo gaarii ta’uu ibsaniiru.

Dabalataanis, mootummaan Itiyoophiyaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf hojiiwwan hojjette dinqisiifataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015