Bulchiinsa Dirree Dawaatti Galii sirnaan walitti qabuun misooma saffisiisuuf hojiin qindoominaa raawwatameera - ENA Afaan Oromoo
Bulchiinsa Dirree Dawaatti Galii sirnaan walitti qabuun misooma saffisiisuuf hojiin qindoominaa raawwatameera
Hagayya 20/2018 (ENA): Bulchiinsa Magaalaa Dirre Dawaatti galii sirnaan walitti qabuun misooma saffisiisuuf hojiin qindoominaa hojiirra ooluu isaa Daarektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Galiiwwan Bulchiinsichaa Doktar Abdusalaam Mahaammad dubbatan.
Bara baajata kanaatti bulchiinsichatti galii Birrii biiliyoona 15 walitti qabuuf sochiiwwan qindoominaa eegalamuun eerameera.
Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Galiiwwan Dirre Dawaa doktar Abdusalaam Mahammadakka ENA’f ibsanitti; bulchiinsichi dinagdeen galii maddisiisu sirnaan walitti qabuuf hubannoo kaffaltii gibiraa guddisuu irra darbee deeggarsa teekinooloojiitiin gibira isaanii kaffaluun yeroo fi maallaqa isaanii akka qusatan taasisaa jira.
Dinagdeen Magaalattii galii maddisiisu sirnaan walitti qabuuf xiyyeeffannoon kennamuun gaaffii misoomaa fi bulchiinsa gaarii jiraattotaa deebisuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Haaluma kanaan baajata bara kanaatti galii taaksii fi taaksii hin taane akkasumas tajaajila Abbaa Taayitichaa irraa galii Birrii biiliyoona 15 walitti qabuuf karoorfamee hojiin eegalamuu ibsaniiru.
Hojicha hirmaannaa uummataatiin dursuun baatii Hagayya qofaatti galii Birrii miiliyoona 934 olii walittti qabuuf karoorfamee Birrii miiliyoona 890 olii walitti qabamuu eeraniiru.
Kanaanis karoora sana keessaa dhibbentaa 95 ol milkeessuun danda'amuu fi yeroo walfakkaataa bara darbee wajjin yoo wal bira qabamuun madaalamu Birrii miiliyoona 685 ol caalmaa qabaachuu isaa hubachiisaniiru.
Galii walitti qabamuun daandii uummataa, bishaan dhugaatii qulqulluun, Jallisiiwwan xixiqqaa, misooma koriidarii fi hojiin bu'uura misoomaa biroo babal'isuun gaaffii misoomaa jiraattotaa deebisuuf ni hojjetama jedhaniiru.
Abbaa Taayitaa Galiiwwan Dirre Dawaatti gibira isaanii kaffalaa kan turan keessaa aadde Hiyuustiinaa Siyyumii fi obbo Yooseef Allebbachoo akka ENA’f ibsanitti; abbaa taayitichaatiin tajaajilli si’ataa diriirfameen gibira isaanii yeroon akka kaffalan isaan gargaaruu ibsaniiru.
Gibira isaan kaffalan guddina Dirree Dawaatiif fi fayyadamummaa jiraattotaatiif ooluu isaa amanuun gibira isaanii yeroonii fi amanamummaadhaan kaffaluu isaanii cimsanii akka itti fufan ibsaniiru.