Godina Jimmaatti sagantaa Tajaajila Lammummaatiin hojiiwwan gurguddoon hojjetamaa jiraachuun ibsame - ENA Afaan Oromoo
Godina Jimmaatti sagantaa Tajaajila Lammummaatiin hojiiwwan gurguddoon hojjetamaa jiraachuun ibsame
Hagayya 19/2018: Naannoo Oromiyaa Godina Jimmaatti sagantaa Tajaajila Lammummaatiin hojiiwwan gurguddoon hojjetamaa jiraachuun ibsame.
Godina Jimmaatti hojiin Tajaajila Lammummaa Gannaa sagantaawwan gara garaatiin dabaalamee itti fufeen gaggeeffamaa jira.
Haaluma kanaan guyyaa har'aa Aanaa Dedootti sagantaan Tajaajila Lammummaa sagantaawwan gara garaatiin dabaalamee gaggeeffameera.
Itti gaafatamaa Damee Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Jimmaa Obbo Dhaabaa Bayyanaa, waggoota muraasa darban keessatti sagantaa Tajaajila Lammummaa hojiirra oolchuudhaan lammilee sababoota adda addaatiin rakkoof saaxilamaniif deeggarsi taasifamuu ibsan.
Akkasumas Tajaajila Lammummaatiin deggaramtoonni hiyyummaa keessaa bahanii jiruu gaarii akka jiraataniif hojiin bu'a qabeessi hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Bulchaan Aanaa Dedoo Obbo Fadiluu Zaakir, aanichatti bara kana sagantaa Tajaajila Lammummaatiin hojiiwwan gurguddoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Guyyaa har'aas deeggarsi meeshaalee barnootaa, eelee elektirikiin hojjetu, horii gaafaa, gaagura ammayyaa fi meeshaalee nyaataaf oolan dabalatee deeggarsi gosa gara garaa tilmaamni isaa qarshii miiliyoona 30 ol ta'u taasifamuu isaa Obbo Fadiluun dubbataniiru.
Namoonni sagantaa kanaan deeggarsi taasifameefis yaada kennaniin, mootummaafi ummanni waliin ta'uun rakkoo isaanii ilaalee deeggarsa taasisuudhaan hiyyummaa keessaa akka bahaniif deeggarsa bu'uuraa taasisuu isaa biraa gammaduu isaanii ibsaniiru.