Yaa'iin sikkoo Mandoo dhaddacha Odaa murtii Ardaa Jilaa Maddaatti murtiiwwan jajjaboo Saddeet tumee Lallabe - ENA Afaan Oromoo
Yaa'iin sikkoo Mandoo dhaddacha Odaa murtii Ardaa Jilaa Maddaatti murtiiwwan jajjaboo Saddeet tumee Lallabe
Hagayya 20/2018 (ENA): Yaa'iin sikkoo Mandoo dhaddacha Odaa murtii Ardaa Jilaa Maddaatti murtiiwwan jajjaboo saddet Tumee Lallabeera.
Yaa'iin Sikkoo Mandoo Dhaddacha Odaa murtii haaromsuu kunis sagantaalee garaa garaan Hagayya 18 bara 2018 Aanaa Madda Walaabuu Ardaa Madda Walaabuutti yaa’iisaa gaggeessuu eegaluunsaa ni yaadatama.
Bu’uuruma kanaan Yaa'iin sikkoo Mandoo dhaddacha Odaa murtii haaromsuu Godina Boorana Bahaa Aanaa Madda Walaabuu maddatti gageeffamaa jiru sirna qoraafi seerota tume lallabeera.
Murteewwan yaa'ii kanaan darban:
Dhaddachoonni akka banaman,
Sirni fuudhaafi Heerumaa Aadaafi Duudhaa gadi dhiise akka sirratu
Godaansi seeraan alaa aadmalee waan ta'eef namni seeraan ala nama biyyaa baase gosti gumaa baasuu akka qabu
Safuufi Safeeffannaan laafe akka jabaatu
Nageenyi waara'uu akka qabu,
Bosonni lubbuu waan ta'eef kununfamuu akka qabu.
Maddi Walaabuu bakka jalqaba itti irreeffatame ta'uufi
Mariin Aadaa Oromoo ta'uun murteesse.
Bulchaan Godina Boorana Bahaa obbo Abdurazzaq Huseen yaa'ii kana irratti haasawaa taasisaniin, guyyaan kun guyyaa seenaa qabeessa ta'uu kaasuun, sirnoonni darban Aadaafi Duudhaa Oromoo balleessuuf yaalii addaa addaa gaggeessanis uummanni Oromoo aadaafi duudhaa isaarraa adda ba'ee kan hin beeknee aarsaa qaalii kaffalee asiin ga'uu dubbataniiru.
Aadaafi duudhaa saba kanaa iddoo ganamaatti deebisuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa jijjiiramaan booda hojii bal'aa hojjechaa jiraachuusaa ibsaniiru.
Kanaafis, haaromsi aadaa isa tokkoofi caba aadaa sabichaa suphuuf kaayyeffateee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Kana malees dhaloota aadaafi duudhaa isaan boonu uumuuf hojjetamaa jiraachuu himuun, Aadaan sikkoo mandoo waggaa 144 booda iddootti deebi'e kunis bu'aa hojii kanaa ta'uu kaasaniiru.
Aadaafi duudhaan Oromoo sirnoota darbaniin dhiibamaa ture sirna ijaaramaa jiru iddoo isaaf malutti deebi'aa waan jiruuf uummanni Oromoo sirna kana jabeeffachuun diinota keessaafi alaan sirna kana irratti wal ijaaree hojjechaa jiru fuuldura dhaabachuu akka qabu dhaamaniiru.