Tamsaasa Kallatti:

Tarsiimoon Dijiitaala Itoophiyaa 2025 ce’umsa dijiitaalaa gara fuulduraaf bu'uura cimaa kaa’eera – Hayyoota

Hagayya 20/2018 (ENA): Tarsiimoon Dijiitaala Itoophiyaa 2025 Ce’umsa Dijiitaalaa gara fuulduraaf bu'uura cimaa kaa’uusaa Hayyoonni Yuunvarsiitii Jimmaa ibsan.

Mootummaan Itoophiyaa bara Faranjootaa 2020tti tarsiimoo dijiitaalaa Itoophiyaa 2025n ifoomse,Teekinoolojii fayyadamuun guddina dinagdee biyyaattii ariifachiisuufi tajaajiloota ammayyeessuuf sagantaa biyyaaleessa qophaa’eedha.

Tarsiimichi Qonna,Tturizimii, Maanuufakcharingii fi tajaajiloota dijitaalaa irratti xiyyeeffachuun sadarkaa jireenya lammiilee fooyyessuufi carraa hojii haaraa uumuuf kaayyoo kan godhatedha.

Akka Hayyoonni ibsanitti, marsaa Dijital Itiyoophiyaa 2025 keessatti bu'aa olaanaan kan keessatti galmeeffamee fi milkaa'inaan kan xumuramee dha jedhaniiru.

Bu'aawwan gurguddoo galmeeffaman keessaa babal'ina tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob, hojiirra oolmaa waraqaa eenyummaa dijitaalaa Fayyidaa, qormaata biyyaaleessa kutaa 12ffaa Intarneetiin kennuu fi leenjii Itiyoo koodarsii Lammiilee miiliyoonaan lakkoofamaniif kenname hayyoonni kun eeraniiru.

Yuunvarsiitichatti Barsiisaan Kutaa Barnootaa Inistityuutii Teeknoolojii damee Makaanikaal Injiinarinjgii Barsiisaa Shawaangizaw Warqaaganyoo Sosochiin teeknoolojii biyyaattii bal’inaan guddachaa dhufuu ibsuun, milkaa’ina dabalataan ogeessota dame sanaa hedduu horachuu danda’amuu eeraniiru.


 

Babal'inni teekinoolojii dijitaalaa dhaabbilee adda addaa keessatti qabannaa odeeffannoo ammayyeessuu bira darbee tajaajila kennamu ariifachiisuu isaanii addeessaniiru.

Kunis lammiileen tajaajila rakkoo malee akka argataniif, akkasumas yeroo fi qarshii isaanii akka qusatan isaan dandeessiseera.

Keessumaa tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob rakkoolee kenniinsa tajaajilaa fi bulchiinsa gaariirratti mul’atan furuun gumaacha inni taasisaa jiru dinqisiifataniiru.

Yunivarsiitii Jimmaatti daarektarri wiiirtuu hubannoo nam-tolchee Injinar Jaarmiyaa Baayyisaa akka jedhanitti, tajaajilli dijitaalaa qajeeltoo iftoominaa cimsuudhaan malaammaltummaa hir’isuudhaan gumaacha olaanaa taasisaa jira.

Dhaabbileen ijaaramuu fi ammayyaa’uun, tajaajilli mobaayil baankiingii babal’achuunsaa, akkasumas filannoon walii galaa 7ffaan galmeerraa eegalee akkaataan odeeffannoon ittiin qindaa’e ammayyaa fi milkaa’aa ta’uunsaa bu’aalee cehumsa dijitaalaa isaan ijoo ta’uu ibsaniiru.

Milkaa’inoonni galmaa’an fuulduras cimanii itti fufuu akka qaban Injiinar Jaarmayaan hubachiisaniiru.

Keessumaa tarsiimoon dijitaalaa 2030 galma akka gahuuf hojiileen misooma dijitaalaa eegalaman qindoominaan itti fufuu akka qaban ibsaniiru.


Tajaajiloota kanneen akka dijitaalaa wiirtuu tokkoo Masoob babal’isuu, leenjiiwwan akka Itiyoo-Koodarsii cimsuu fi damee Kanaan ogeeyyota ga’ooman hedduu horachuun milkaa’ina cehumsa dijitaalaa itti aanuuf murteessaa ta’uu Injiinar Jaarmiyaan dubbataniiru.

Biyyoonni guddatan dinagdeesaanii cimsuuf akka ijootti kan itti gargaaraman teeknooloojii dhaabbilee dhuunfaatti fayyadamuunii fi babal’isuudhaan hirmaannaa cimaa taasisuun ta’uu eeranii, mootummaanis dhaabbilee dhuunfaa damee kanarratti hirmaachisuu cimsee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015